1. Godina Harargee bahaatti magaalota akka Giraawwaa fi kkf keessatti gandoota qonnaan bulaa hedduuttis gaaffiin mootummaadhumti wayyaaneen maal taanan uummata oromoo irratti harka isaa diriirfata doorsisni afaan qawwee hanga yoomitti jedhuun uummanni FXG har’a adeemsisee jira. Guyyaan har’aa Juma’aa irrattis hordoftootni amantaa musliimaa bakka saalata isaaniitti masjiida masjiidatti ajjeechaan haa dhaabbatu, doorisni uummata keenyarraa haa dhaabbatu…. Jechuun waraqaa hedduun barreessuun qabatanii argamaniiru. Gandootni qonnaan bulaa Hahargee bahaa keessatti argaman daandii cufuutti kana booda wamicha waliif dabarset jira.
2. Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo, Jimma horoo fi Qaqetti FXG haareffamee waan jiruuf kaleeysaa irraa kaaase korri bittinneessaa waraana wayyane uummata goolaa jira. Qonan bulaan hidhaatti guurama jiru. Garataan akkasuma jedhu Qeeyroon gabaasan. Hidhaatti kan guuramaa jiru jabaatus nuti qabsoof booda hin deebinu diina jilbeenfachiisnee injifannoon keenya fiixan baasna jechunis dargaggootni godina qellem aanaale kanen keessatti dhaadanno isaani waraqaa fi sagaleedhan wal dhageesisa jiru. Dinni ammalle humna qabuun uummata doorsisaa jira.
3. Magaala Adaamatti FXG har’a taphattootaan dhowe. Taphattootni wal dorgommii irratti walitti dhufan mootummaa wayyaaneef oromoo kan tahe kamu akka hin jilbeenfanne fi waamicha sagalee dhaadannootn dhageesisuun poolisiin naannoo oromiyaa tarkanfii fudhatuu dargaggoota irratti qeeyroon gabaasee jira.
Godina Arsitti FXG itti fufsisuuf waamicha kallattii garagaraan taasifamaa jira. uummanni wal kaasuudhaan mootumma wayyanee abba irree ofirra
fonqolaachisna jechuunis wal yaamaa akka jiru qeeyron gabaasera.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist