Gurandhala 9,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti Goototni barattootni Oromoo Warraaqsaa FXG jabbeessuun Sababa gaaffii mirgaa gaafatneef Uummatni Oromoo jumlaan ajjeefamee, Jumlaan hidhaatti Guuramee, jumlaan Madeeffamaa Waan Jirruu fi Waraanaan Shororkeeffamaa waan jirruuf barnoota itti hin fufunu, barri baranaa guutummaan isaa bara qabsoofnee bilisummaa keenya itti gonfannudha jechuun diddaa isaanii jabeessuun itti fufan, Warraaqsii kun aanaa Jalduu Magaalaa Boonii keessatti haalan jabachuun itti kan fufe yoo ta’uu,
Daandiin Konkolaataa Giincii gara Jalduutti geessuu gidduu bakkoota hedduutti dhagaan cufamee jiraachuun ibsame jira. Waraannii mootummaa Wayyaanees daadii banuu fi uummataa daandii adeemuu shororkeessuu irratti argama, gabaasaa kanaa badhinaan ni dhiyeessina.
Kana Malees Godinalee Lixa Shaggar Aanotaa Garaagaraa keessaatti Barruuleen Warraaqsaa haalaan uummataa Qabsootti jabeessanii fi waamicha Hiriiraa mormii FXG’ of irraa qaban haalaan facaafamaa jiru, Uummatnis dhumnee dhabamna malee Sirna Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jalatti tasuma deebinee hin bullu jechuun murtoo isaa waliif ibsa jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist