Gurraandhala 3,2016 Ajajaan Humna Agaazii Dassalenyi Fiqaaduu Jedhamu humna hin beekamneen yeroo ajjeefamu,konkolaataan isaas 3l jedhamu naannoo Gaara Korbuutti akka barbaadoofte gabaafame.
Baha Wallaggaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa Keessatti FXG Ademsifamaa jiru daran hammaachaa dhufuun Oromoonni hedduu waraana Wayyaanee Agaaziin yeroo ajjeefamanitti humna Wayyaanee irras miidhami gahaa jira.
Guraandhala,3,2016 FXG Halkan edaa jalqabameen wal qabatee sodaaf raafama guddaa keessa mootumma gabronfataa kan galcheera yoo ta’u.ummatis sochii warraqsaa banbansisaa jirun daran jabaatee gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafataa jira.
Haaluma kanaan eda halkan naannoo tabba Korbuutti Konkolaataa 3L qabeenyaan kan diinaa taate tokko humna addaan guutummaan guututti
gubatte (barbadofte) Akkasuma humni Wayyaane ajajaa Agaazii Dassalenyi Fiqaaduu nama jedhamu humna hin beekamneen ajjeefamuun gabaafame. Fincilli kun achumatti kan argamtu magaalaa Adareef Waamaa Hagaloo magaalaa Qasso kan itti fufee jiru yoo ta’u Agaazii hedduminaan achitti fe’amaa jirachuu beekamee jira.