FincilliFincilli Xumura Gabrummaa Eegalee Itti Fufee Godina Shaggar Lixaa Keessatti Motummaa Wayyaanee Daran Raasaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Amajjii 25,2015 Waraanni Wayyaanee ammallee uummata irratti dhukaasa banuu hin dhaabne jedha Qeerroon. Shaggar lixaa magaalaa Shanan keessatti har’a ganama irraa kaasuun uummanni bahee dhaadannoo dhageesisaa ture, ofiin of dandeenya ofiin of bulchina sirna wayyaanee hin feenu, mootummaa Wayyaane hin barbaannu, Wayyaaneen ajjeesaadha jechuun tarkaanfii waajjiraalee mootummaa Wayyaanee garagaraa irratti uummanni fudhate.

Humni waraana wayyyaanee uummata nagaa irratti dhukaasa baneen namnootni hedduun akka madeeffaman gabaafame. Barataan yeroof maqaan isaa nu qaqqabin rasaasa wayyaaneen wareegames jira. Sa’a kana magaalli shanan dirree waraanaa taatee jirti. Uummanni gaaffii isaa karaa nagaatiin itti fufee jira. waraanni magaalicha keessaa akka bahu sagalee uummataatu dhageessifamaa jira kun tahuu baannaan tarkaanfii fudhatamu itti seenna jechuunis qonnaan bulaan baadiyaa keessas bahaa jira.

2 thoughts on “FincilliFincilli Xumura Gabrummaa Eegalee Itti Fufee Godina Shaggar Lixaa Keessatti Motummaa Wayyaanee Daran Raasaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

  2. FXG itti fufuu malee duubatti deebi’uun fashitootaan of-ficisisuudha;waraabessa gowwaa boollaa keessatti lama waranu; wayyanee yoo taate karaa adunyaaf (gamtaa awuropaa fi amerika ) karaa ummataa waxaramtee yeroo jirtu kanatti karaa hundumaanuu afuura kutani barbadeessudha malee; kan biraa yoo hafee gibira ummani oromoo kafalee ittiin rasasaa bituun garajabinaaf quufaa guddina ijoollee isaa biyyee nyaatee guddisee fuula isaa duratti yeroo dhagalaasan gocha suukanneessaa kana eenyutu obsee taa’ee ilaala; gibira wayyaneef kafaluun , ishii ufitti deebisanii ijaaruudha; waan hunda caala FXG KEESSATTI DHIMMI KUN SHOORAA GUDDAA TAPHATA KUFAATI WAYYANEETIIF

Leave a reply to kumela Fana Cancel reply