Amajjii 11,2016 Horroo Gudruu magaalaa Haratoo keessatti FXG haalaan hammaatee itti jiruun wal qabatee manneen barnootaa cufamuu irra darbee barsiisoti Oromoota ta’an isintu diddaa uummataa qindeessa jedhamanii waraanaa fi poolisoota Wayyaaneen adamfamaa jiru, isaan keessaa gariin kan sirna mootummichaa jalaa miliqanii jiranii fi kanneen barbaadaman.
1. Taajuddiin Hashiim (English teacher) preparatory school
2. Abdannaa Alamaayyoo (physics teacher) kutaa 10 ffa irraa
3. Baddiluu (civics teacher) preparatory school,
4. Abbayyaa Hammagahuu (history teacher) kutaa 8ffaa irraa.
Karaa biraa manneen jiraattota magaalaa Haratoo Agaazii fi Poolisii dhaan caccabeera. Caccabsanii eega seenaniis gaaffii tokko malee reebamaniiru.
Amajjii 6,2016 ammoo Godina Horroo Guduruutti barattootni mana barumsaa Waldoo ( elementary school) mormii dhageessisuun barumsa kan dhaaban haga har’aattis hinbaranne. Achuma Horroo Guduruu Aanaa Dongorotti dubartoota gabaa dhaqanii fi galan waraqaa eenyummaa fidaa jechuun rakkisan hidhaatti illee naqan jedhama.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist