Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO

Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO

ABOUmmata Oromoo Kabajamaa, Waraana Bilisummaa Oromoo, Miseensota ABO biyya keessaa fi alaa, akkasumas, ummatoota Cunqurfamoo Itoophiyaa keessa jirtan maraaf, baga waggaa haaraya 2016 geessan jechaa, waggaan haaraan kunis kan bilisummaa fi nagaa itti argannu hunda keenyaaf akka nuuf tahu hawwiin qabu ibsa.

Nagaatti aansuudhaan, lammiilee Oromoo mirga ummata isaaniif jecha falmaa karaa nagaa hiriira adeemsisaniin mootummaa shororkeessaan gara-laafina malee ajjeefamanii lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganiif Addi Bilisummaa Oromoo gaddi itti dhagahamu ol’aanaa tahuu ibsaa hundi isaanii tarree wareegamtoota kabajaa olaanaa qabaniitti kan galmaawan tahuus hubachiisa. Wareegama isaaniitti firii gochuufis falmaa hadhaawaa kana hanga bilisummaan mirkanaawuu kan itti fufu tahuu mirkaneessa.

Kanneen haqa ummata isaanii kabajsiisuuf jecha gaaffii mirgaa kaasuu isaanii qofaaf, barataa, hojjataa fi qotee-bulaa Oromoo magaalaa fi baadiyyaa irraa mana hidhaa suukanneessaa keessatti dhamaafamaa jiran hundaaf ABOn kabajaa qabuuf ibsachaa onnee Oromootaa hunda keessatti guyyuu kan yaadataman tahuu beeksia.

Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii irratti, qe’ee dhalootaan irra jiraatan irraa humnaan buqqaafamuun jireenya dhala namaaf hin malle keessatti gatamanii jiran hunda, miidhaan irra gahaa jiru hundi sababa sabummaa isaaniitiin tahuu hubachiisaa, rakkoon irra gahaa jiru kan Oromoo hundaa tahuu yaadachiisuu barbaada. Furmaatni rakkoolee kanneen hundaas falmaa kana finiisuudhaan bilisummaa ofii qabsoon gonfatuu qofa tahuu kana waliin hubachiisuu fedha.

Yaa Ummata Oromoo,

Waggaan dhumataa jiru waggaa yeroo hundaan olitti eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf shira mootummaan Wayyaanee shire dura dhaabbatuuf wareegamni Ol’aanaan itti kafalame dha. Falmaan Ummatni Oromoo daangaa Sudaan irraa hanga Somaaleetti, Kaaba Impaayerittii irraa hanga Daangaa Keenyaatti adeemsise kan ummata Ormoo hunda hirmaachise tahuun, sadarkaa guddinni QBO irra gahe kan firaa fi diina hubachiise, ummata Oromoo tokkoomse, kanneen mooraa diinaa keessatti hiriiranii turanillee gara mooraa qabsootti deebisuun ummata isaanii cinaa akka dhaabbataniif dirqe waan taheef seenaa keessatti bakka guddaa qaba. Hubannaa fi dammaqinsi, qaroominaa fi bilchinni ummatni Oromoo fincila geggeessu keessatti agarsiise, kan seenaa Itoophiyaa keessatti mul’atee hin beekne kan nama boonsuu fi egeree Oromoo dukkana keessaa ifatti baase dha. Kunis firii falmaa hadhaawaa ummatni Oromoo, ABO fi WBO godhanii tahuu kan haalu jira jennee hin amannu.

Waggaan haaraan wayta seenu kan fuula duraa karoorfatuuf kan dabre ilaallatuun waan barame tahuu irraa, haala siyaasaa biyyattii, haala dinagdee fi hawaasummaa irratti dhugaa mul’ataa fi qabatamaa jiru wal yaadachiisuun barbaachisaa taha. Gareeleen seenaa dabre hin kaasiinaa, irraanfadhaa jechuun miidhaan ummata keenya irra gahe dhokatee akka hafu barbaadan akka jiran beekamaa dha. Haa tahu malee kan dabre kaasan malee kan keessa jiran hubatuu fi fuula dura ofii beekuun ulfaataa waan tahuuf qaphxiilee garii kaasuun dirqii taha.

Dhaamsa Waggaa haaraa HD GS ABO 

 

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/dhaamsa-bara-haaraa-2016-hd-gs-abo-jaal-daawud-ibsaa-irraa

1 thought on “Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO

  1. Pingback: Dhaamsa Waggaa Haaraa HD-GS-ABO | Dhaamsa Ogeettii

Leave a comment