“Jaalattaanis Jibbitanis Master Palaniin Finfinnee Waan Hafu Miti” Jedhchuun Qondaalli OPDO(EPRDF) Solomon Mokonnin Namni Jedhamuu Walgahii Magaala Sabbattaatti Ta’e Irratti Dhaadate.

Mudde 08,2015 Gabaasa Qeerroo Sabbataa

opdoMagaalaa sabbataa ganda alamganaatti guyyaa kaleessa walgahii OPDOn ummata magaalaa mariisisterratti dhimma MP ilaalchisee namichi Warquu Dabalee jedhamu kan ummata mariisise qunnamtii(communication) ummata magaala sabbataa fi itti gaafatamtuu dhimma dubartoota kan taate Asaffuu Dabalee wajjin ummatatti roorrisaa fi haasadhaan dorsiisaa kan turan ta’uu maadheen Qeerroo naannichatti argame gabaasee jira .Gara jidduu walga’ichaatti namni mataa dhaaba OPDO ta’e SOLOMOON MOKONNIN jedhamu jechuun ummatatti balaqqamaa kan ture ta’usaa hubatameera. Ummanni walga’icharratti argame haasan jarattii jala deemtuu wayyaanee kan isaan hin gammachiifne waan ta’eef dubbii isaanii afaan itti kutuun isin warra ijoollee keenya ficcisiisaa jiru waan taataniif dhimma oromoo fi oromiyaarra harka fudhachuu qabdu jedhee ijjaannoo isaa itti argarsiisera.

Itti fufuun gaafa teesson mootummaa naannnoo Oromiyaa adaamaa haa ta’u diinni jedhu gaafii tokko malee darsa keessan harattanii kan deemtanii fi deebi’aa jedhamnaanis gaafii tokko malee kan deebitanii fi haga amma dhimma isin oromoo furtan waan hin jirreef nuti isin hin feenu jechuun maayyiirratti bikka ishee teessutti dhiisun walgahichaa dhiite bahuu danda’eera.

Leave a comment