Mudde 04,2015 Waliiso
Fincila Har`a Godina Shaggar Walisoo Keessatti Ta’een Barataan Tokko Rasaasa Loltoota Wayyaaneen Yeroo Wareegamu 6 Ammoo Madaawanii Hosptala Waliisoo Jiraachuu fi 15 Hidhamuu Qeerroon Gabaase.
Kanneen keessaa guyyaa har’aa Aanaa Tolee Bara barattoota Sadii Rasaasa Poolisaaotaan dha`amn keessaa Barataan Tokko Wareegamee. Barattootni lama ammoo ni madaa`an. Maqaan baraat wareegamee Dajanee Sarbeessaa barataa Kutaa 9ffaa ti. Barattootni lamaan madaa`an ammoo:-
- Ayyaanoo Warquu,
- Dajanee Takkuu barattootni kun lamaan Hospitaalaa Walisootti yaalamaa jiru. Achi ciisanii jiru.
Aanaa Walisootti Barattootni madaa`an Afuri/04/ isaanis,
- Barataa Maammoo Mul`isaa ,
- Barattuu Yaadanii
- Bar5ataa Baaharuu,
- Barataa Eebbisaa Dirribaati.
Ta’uu Qeerroon gabaase