Wallagga,Naqamte Keessaa Manneen Kaabinoota Wayyaanee Dhagaan Reebamaa Jira,Barattuun Mana Barnootaa New Generation Tokko Rasaasa Wayyaaneen Wareegamte.

Muddee 03,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamtee

Kamisa torbee har’aa yeroo Barattoonni daaloo sadarkaa duraa sagalee isaanii dhageessisanii kaasee naqamteen fincila fufaa geggeessaa jirti, Keessattuu Jimaata Barattoonni Qophaa’inaa Naqamtee FDG yeroo taasisan humna waraanaa itti bobbaafameen Barattoonni hedduun humnaa ol reebamuun kaan mana hidhaatti darbaman.
Wiixatas sochiin barattoota kanaa ka barattoota New Generation dhaabbata dhuunfaan waliitti makameen fincila diddaa barattootaa geggeessameen lubbuun Shamarree tokkoo hin ba’in hin hafne jedha odeessi Qeerroo.
Hawaasi Oromoo magaalaa Naqamtee yeroo ammaa kana nu gurgurattanii nu keessa hin teessan jechuun mana kaabinoota Wayyaaneetti dhagaa guuraa tikoota wayyaaneetii wajjin wal’aansoo wal qabaa jira.

Har’a 3/12/2015 barattooti Daandii Boruu naannoo warshaa gommaa duriitii kaasanii hawaasi magaalaa Naqamtee fincila itti fufeetti humna tikaa bobbaasuun Jiraattota Magaalaa Naqamtee hedduu ganda 07 fi 05 tti guuranii hidhaa jiru. Godinuma Wallaggaa kanaa utuu hin ba’in ajaja Waajjira barnoota godinichaa irraa darbeen Barattoonni torbee tokkoof gara maatiitti haa geggeessaman malee fincilli uummataa gabaa dirree ispoortii fi bakkeewwan uummati itti argamanitti geggeessaa kan jiran yeroo ta’u bal’ina odeessaa kana akka nu qaqqabeen isiniif dhiyeessina.

1 thought on “Wallagga,Naqamte Keessaa Manneen Kaabinoota Wayyaanee Dhagaan Reebamaa Jira,Barattuun Mana Barnootaa New Generation Tokko Rasaasa Wayyaaneen Wareegamte.

  1. FDG baranaa kan sirna gartuu Hattuu ilmaan Tigraayitti xumuura kan kennu taha!!! Akkam jirtu jaallawwan kiyya haala jirutti baay”een gammadaa jira. Qabsoon amma sirritti tan ummataa taatee jirti.Ummanni keenya muratee jiraa haa jabaannu. Qabsaahan ni kufaa qabsoon itti fufa!!!

Leave a reply to MohammedAmin Siraj Cancel reply