Gabaasa Qeerroo Muddee 2,2015 Gullisoo
Karoorri Maaster Pilaanii hojiirra ooluu hin qabu jechuun FDG oromiyaa goleewwan garagaraa keessatti qabatee jiru reebichaa fi rasaasaan reebamuun boodatti kan deebisu osoo hin taanee hanga wal gahuu fi bilisummaatti itti fufaa jiraachuun beekamaadha. Akkuma gabaasaa turre godina wallagga lixaa aanaalee garagaraatti kan itti fufe sadaasa 1/2015 kaleessa qonnaan bulaa fi barattootni waliin tahuudhaan lola saa 2:00 waraana wayyaanee waliin gaggeessaa oolan. Uummanni waan qabu dhagaa fi eeboodhaan, dullaa qabachuun rasaasa waliin fincila gaggeessaa ooleen kaleessa qonnaan bulaa fi barattootni mana barumsaa sadarkaa olaanaa keessaa miidhamuun Qeerroon gabaasee jira. yeroo ammaa kana barattoota haalan waraana wayyaanee waliin osoo fincila gaggeessan godina wallagga lixaa anaa Ayiira Gullisootti miidhaa jabaan irraa gahe keessaa
1. Barataa Sanyii Taaffasee
2. Miimmii Malkaamuu Taaffasee
3. Kan maqaan nuun geenye daandii irraa nama deemu dubartii tokkoo fi
4. Barattuu Miimmii Darajjee Badhaasaa
Irratti miidhaa guddaan gahee yoommuu jiru telefoona fincila sana keessa dhaabbachuun kan nuuf ibsa Qeerroon Bilisummaa wareegamni kamuu haatahu malee hanga Maaster Pilaniin haqamuu fi uummanni oromoo bilisummaa isaa gonfatutti diddaan keenya itti fufa kan jedhan guyyaa guutuu kaleessa FDG magaalaa Gullisoottni finiinsaa akka oolan Qeerroon gabaasee jira. suurawwan haga tokko achirraa nu qaqqaban kan ibsu kana waliin attach goonee jirra.
Haaluma kanaan hara godina wallagga lixaa aanaalee garagaraatti waraanni wayyaanee magaalaa keessa akka bahu uummanni akeekkachiisa kennaa jira. Gaaffiin keenya gaaffii haqaati mirga keenyaaf ni falmanna jechuudhaan qonnaan bulaan yeroo itti wal waamaa jiru tahee barattootaan dhaabbilee barnootaa keessatti jabeeffamee itti fufee jira. yuuniversitiilee garagaraa keessattis guyyaa haraa FDG gaggeeffamaa jiru gabaasa keenya itti aanutti kan dhiyeessu taha.

