Kaabinooti Wayyaanee/OPDO Wallagga Godina Qellem Ona Jimmaa Horroo Keessatti Duula Wal Irratti Bahuun Walii Isaanii Wal Nyaataa Jiraachuu Qeerroon Gabaase‏

Sadaasa 26,2015 Gabaasa Qeerroo D.Doolloo

Gaggeessitoota OPDO olaanaa ona Jimmaa Horroo kan tahan keessaa Malkaamuu Raggaasaa itti gaafatamaa bulchiinsa magaalaa ona Jimmaa Horrooti. Yakka ittiin himatamuudhaan wayyaaneen hiite Kaartaa fi Pilaanii magaalaaf qarshii uummata irraa aangootti fayadamee funaanuun
dhimma dhuunfaa isaaa irra oolchatuun yeroo ammaa mana hidhaa Karchallee jira. Kaabinee wayyaanee/OPDO olaanaadha. Inni itti aanu Ayyaalehu Akkumaa jedhama. Kunis qondaala OPDO aanaa Jimmaa Horroo irraa hojjetu gaafatamni qabus itti gaafatamaa waajjira qonnaa aanaa Jimmaa Horrooti. Namootni waajjira isaa keessatti isa waliin hojjetan Siraaj Maammud, Taammirat Waaqjiraa fi Nagaasa Dhiinaa isaan kun qonnaan bulaa yoo tahanis isaan kun wal tahuudhaan gargaarsa biyya bakkee irraa kenname faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolchuudhaan hidhamanii akka jiran Qeerroon kan gabaaseedha. Kan biraan akkasuma Wayyaanee hoji irraa ariyaa akka jirtu kanneen keessaas itti gaafatamaa mana marii Waaqtolaa Jaallataa kan jedhamu dhimma yeroof adda hin baaneen hojii irraa gaggeeffamuu gabaasni Qeerroo kann ibsuudha. Haala kanaan aanaa Jimmaa Horroo irratti hojjetootni Wayyaanee kaabinno wal nyaachaa wal irratti duulaa hidhaati wal geessuun gabaafamaa jira.

Leave a comment