Gabaasa Qeerroo Aanaa Leeqaa Dullachaa,Sadaasa 23,2015
Wallagga Leeqaa Dullachaa aanaalee godinichaa lamaan kana qofa otuu hin taane guutummaa godinaa keessatti qonnaan bulaan mootummaaf akka buusii gamoo ijaarsisuu baasaniif dirqisiifamaa jiru. Ergamtootni Wayyaaner/kaabinoonni aanaarraa gandatti gad ergaman dhimmanii kan uummata mariisisaa turan:-
Gamoo waajjira dhaabaa godinaa ijaarsisuuf-
- Qotee bulaa adda dureen qarshii 350
- -Qotee bulaa giddu galeessi qarshii 250
- -Qotee bulaa harka qalleessi qarshii 50 akka dirqamaan buusuu qabuu fi kana gochuu baannaan gibira waliin akka dirqamaam kaffalu itti himamus uummanni waan nyaatee buluyyuu hin qabne callisee hin fudhanne.
Keessumaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti qotee bulaa -nuti adda duree miti. Qabeenya ittiin adda dureetti madaalamnu hin qabnu. maqaa kana sinumatu nuuf kenne malee qabeenyi keenya ilaalamer muti jechuun mormii erga dhageessisaniin booda waltajjii dhiitanii yaa’aniiru. Kanarraa kan ka’es uummata sossobuun waltajjiitti deebisanii dirqama gubbaarraa murtaayee itti kenname ta’uufi isaan ergaa qofa akka dabarsan qaaniin amananiiru.
Qotee Bulaan yeroo ammas adda duree jedhamu kan harkaa gara afaanii qofaan of danda’e malee akka mootummaan TPLF jedhu gara abbaa qabeenyaatti cewuu danda.’u akka hin taanee fi harka qalleessii fi giddu galeessa kan moggaafamanis harkaa gara afaaniiyyuu kan hin qabne ta’uu fi hojii pirooppoogaandaa qofaaf akka godhamaa jiru ogeessonni qonnaa fi ergamtootni wayyaanee ofatti erga uummata geggeessanii yeroo dubbatan dhagayameera.
Itti dabaluunis Aanaa Waamaa Hagalootti geggeessitoota gidduutti sababa saamicha lafa magaalaa Moxeen walitti bu’iinsi cimaan akka uumamaa jiruu fi garee uummachuun akka walirratti ka’aa jiran keessa beektotni dubbatan. Akka odeessi nu gahetti; Obbo Iwunatuu dura Bu’aa waajjira Ispoortiif Dargaggoo Aanichaa. Obbo Mulaatuu basaasaa ganda moxee 01 kan turee fi yeroo ammaa dhimma dargaggoorra kan hojjetu. Obbo Geetachoo Gaja’aa dura bu’aa OPDO fi Obbo Mulaalem Dura Bu’aa bulchiinsa magaalattii kan ta’an lafa magaalichaa uummata gowwoomsuun bakka manaa jahaa fi isaa ol gatii gad bu’aan fudhachuun.kanneen tokkoyyuu dhaban liizii eeggadhaa jechuudhaan akka rakkisaa jiran himame.