Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii Magaalaa Giinciitti FDG Gootota Barattoota Oromoo M/B Giincii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inan qabsiifame daran jabaachuun itti fufe, Manni Barumsaa Giinciis yeroof Adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabuun Cufame jira.‏

 Sadaasaa 21,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii Magaalaa Giinciitti FDG Gootota Barattoota Oromoo M/B Giincii sadarkaa 2ffaa fi
Qophaa’inan qabsiifame daran jabaachuun itti fufe, Manni Barumsaa Giinciis yeroof Adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabuun Cufame jira.
Goototni barattootni Oromoo Magaalaa Giincii Yaadannoo sadaasa 9/2005 waggaa 10ffaa sababeeffachuun hanga yoomiitti waraanaan
eegamaa, ajjeefamaa, hidhamaa fi biyyarraa buqqifama jiranna jechuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa bulchiinsa mana barumsaa Giincii
sadarkaa 2ffaa fi qopha’inatti dhiyeeffachuun FDG kaachisan gaaffiin barattoota Oromoo kunis:
1. Maqaa Master plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa jedhuun karoorri duguuginsa sanyii fi uummata oromoo abbummaa q’ee fi biyyaa
dhabsiisuuf caffee mootummaa naannoo Oromiyaa kan uummata oromoo bakka hin buuneen raggasifame kun guutummatti haqamuu qaba, uummata keenyaa kan midhuu fi karoora badii balleessiidha malee hin fayyaduu waan ta’eef haqamuu qaba. Caffeen karoora kana mirkaneessee seeraatti dhiyaachuu qaba.
2.Ajjeechaa jumlaa bara 2014 sababii mormii Master Plan Finfinnee fi Gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa dhiyaateef ilmaan Oromoo
qaroo daa’imaa hanga manguddootti Mootummaan EPRDF fudhateef itti gaafatamuu qaba, kanneen du’aniif beenyaan haa kanfalamu, kanneen
hidhaman haa hiikamuu qabu.
3. Gaaffiin mirga abbaa biyyuummaa yeroo irraa gara yerootti gaafatamuuf mootummaan EPRDF deebii nu dhorkatee jiruuf deebiin nuuf
haa kennamu.
4. Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF yeroo irraa gara yerootti barattoota Oromoo fi ilmaan Oromoo qaroo uummataa ta’an dhukaasee
ajjeesa ture, keessattuu bara 2005 fi bara 2014 ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti karaa nagaa gaaffii mirgaa waan gaafataniif qofa humna
waraana Agaazii n irratti bobbaasuun uummata civil ii irratti waraana banee lubbuun ilmaan Oromoo baroota kana gidduutti bahee kumaan
lakkaa’uuf mootummaan kun itti nuuf gaafatamuu qaba.
5. ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin yakkamanii hidhaatti ukkaanfaman gaaffii tokko malee gadhiifamuu qabu.
7.Saamichi qabeenyaa uumamaa fi qabeenyaa uumamaa kanneen akka Bosonaa Godina keenyaa Aanaa Dandii keessa Bosonni ciramee badaa kan jiruu harka mootummaa kanaatiin maqaa investmentii jedhuun ta’uun mirkanadha, manca’insa bosonaa fi saamichaa qabeenyaa uumamaa
gaggeeffamaa jiruuf mootummaan itti nuuf haa gaafatamu.
8. Uummatni Oromoo biyyatti keessatti akka baay’ina isaatti akka baldhina lafa isaatti qoodannaan aangoo siyaasaa inni qabu hin jiruu
yoo jiraatees kan hin madaallee fi saalfachiisa waan ta’eef qoodannaan aangoo siyaasaa uummata keenya bakka hin buune hin fudhannu, kanaafuu
Oromoon mootummaa akka hin qabne hubachuun mootummaan mirga uummata keenyaa kabachiisuu nuuf kabachiisuu ni hundeeffanna!!
9. Mirgootni dimookiraasii fi namoommaa nuuf kabajamuu qaba, maqaa filannoo dimookiraasii sobaan aangoo irra turuun hin danda’amu,ololaa
filannoo sobaa hin fudhannuu, sagaleen uummata keenyaa humna waraanaan waan ukkaanfamee jiruuf filmaata kijibaa 2015 darbee irratti uummaatni keenya wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO hin filanne, afaan qawween sagaleen keenya ukkaanfame, kanaafuu dimookiraasiin sobaa fi filanoon itti fakkessii wayyaanotaa haqamuu qaba. kanneen jedhanii fi dhaadannoolee gaaffiiwwaan armaan olitti eeraman jabeessan sagalee guddaan dhageesisuun daandii konkolaataa Finfinnee gara Ambootti geessuu cufuun hiriira mormii guddaa gaggeessuun dhumarratti humna waraanaa fi poolisii kora bittinneessa jedhamuun kan bittinneeffaman yoo ta’uu hiriira mormii barattoota kanatti uummatni magaalaa Giincii kan itti makaman ta’uun hubatame jira, guyyaa har’aas mormiin kun ittuma fufaawayita jirutti mootummaan wayyaanee humna waraanaa bobbaasuun magaalaa Giincii gooluu irratti argama, taajajilli ibsaa fi network guyyoota laman kana guutuuf magaalaa gincii irraa balleeffamani jiru. sochiin
uummataa fi barattoota ittifufee jira.

Leave a comment