Wayyaaneen Wareegamuu Barataa Tarreessaa Safaraan Wal Qabatee Barattooti Yuuniversitiilee Adda Addaa Barnootaa Dhaabaa Jiraachuun Beekame.

Onkoloolessa 28,2015 Mattuu

Qeerroo KaiYuuniverstii Mattuu Dabalatee Yuuniversitiin Biroon Barattootaan Barumsa Dhaabuu Irratti Argaman Akkuma beekamu barataa sabboonaa oromoo fi uummataaf falmuuf cal kan hin jenne mooraa yuuniversitii Mattuu keessatti harka jal’ootaa fi nama nyaataa mootummaa wayyaaneetiin ajjeefamuu isaa barataan TARREESSAA oromoon bakka jiru dhaga’ee gaddaan wayita guutame tahuuun isaa ifa. Guyyaa sabboonaan oromoo kun ajjeefamee kaasee mooraan Yuuniversitii Mattuu fi naannowaan ishee ilmaan oromoo jirtu duukka buusuudhaaf humni wayyaanee buufatee jiraachuunis yeroodhaa yerootti odeessi achi nu qaqqabaa jira. haata’u malee gumaa barataa Tarreessaa baasuu fi gaddi kan itti dhaga’amus uummata mooraa Yuuniversitii Mattuu qofa miti akkasuma uummata jiraattota isaa bakka dhaloota isaa qofa miti kan uumata oromoo hundaati. Mooraan yuuniversitii Mattuu, Jimmaa, Wallagaa, Amboo, Bulee Horaa fi Madda Walaabuu gadda sabboonaa Oromoo yuuniversitii Mattuutti diinaan ajjeefameef yeroo gaddaa irra jiraachu fi baratootni barumsa dhaabaa jiraachuun beekameera.

Qaami  barataa Tarreessaa ajjeesse itti gaafatamu malee  barumsa hin barannu kan jedhan mooraan Yuuniversitii Bulee Horaas akkanuma barumsa dhaabun odeessi raggaasisee jira. Kanumaan wal qabsiisuudhaanoromiyaa magaalotaa fi dhaabbilee barnootaa keessatti mootummaa wayyaanee balaaleffachuudhaan sochiin uumamee jiru daran Wayyaanee yaaddeessuu irraan kan ka’e humnoonni waraana isaanii bakka uummanni keenya heddummatutti dhaabbilee barnootatti ramadamaa akka jiran gabaasonti addeessu.
Haqi  barattoota keenya uummata isaaniitiif jedhanii warageemaaa jiranii uummata Oromootiin baha! Barumsis dhaabbachuu akka qabus
diddaan wal hidhataan dhaabbilee banrootaa keessatti akka itti fufu qaba!

3 thoughts on “Wayyaaneen Wareegamuu Barataa Tarreessaa Safaraan Wal Qabatee Barattooti Yuuniversitiilee Adda Addaa Barnootaa Dhaabaa Jiraachuun Beekame.

  1. Pingback: Wayyaaneen Wareegamuu Barataa Tarreessaa Safaraan Wal Qabatee Barattooti Yuuniversitiilee Adda Addaa Barnootaa Dhaabaa Jiraachuun Beekame. | harun1983's Blog

Leave a reply to lemma debele Cancel reply