Onkoloolessa 28,2015 Haromaayaa
Barattootni yuuniversitii Haromayyaa dhimma nyaataa fi qulqullina doormii wal qabsiisuudhaan barumsaa lagachuu fi gaaffii kaasuun guyyoota muraasa lakkoofsisiee jira. kun utuu kanaan jiruu dhiibbaa mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo irraan gahaa jiruun wal qabsiiduudhaan har’a nyaata lagatuun gabaasan. Gaaffi ka’een rakkoon barattoota gaafataman deebiin barattoota irraa kennamaa jiru hanga mirgi uummata keenyaa kabajamutti barumsa barachuun nurraa hin eegamu, gaaffiin keenya duraa rakkoowwan bakki bultii qulqullina hin qabnu, nyaataan, bishaan dhugaatiin miidhamuu keenya maaliif kan jedhu yoommuu tahus yeroo ammaa mootummaan ijoollee sabboonoo tahan dhaabbilee barnootaa keessa adamsee ajeesisaa jira karaa hundaan kan miidhamnu irrayyuu lubbuu obboleeyyan keenyaas dhabaatu jirra kanaaf hanga mootummaan Wayyaanee aangoo gadhiisutti, mirga uummata Oromoo kabajamutti, barattoota keenya mooraa yuuniversitii Mattuu fi Asellaa keesatti turban lama kan hin guunne keessatti harka Wayyaaneetiin ajjeefamaniif itti gaafatamummaan mootummaa tahuu qaba mirgi uummata keenya sarbamaa barachuun keenya maatii keenya boollatti gataa jiraachuu waan taheef jechuudhaan har’a ganama irraa nyaata lagachuun barattootni gaaffii kaasanii akka jiran Qeerroon gabaasa dhiyeessee jira.
Dhugaan haa mootu,gaaffiin keenyas haa deebitu.