Magaalota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Dhiibbaan Afaan Oromoo Irratti Godhamaa Jiru Hammaachaa Akka Jiru Dargaggoo Sabboonaa Ibsaa Dhugaa Gaaffii fi Deebii SBO Waliin Taasiseen Beeksise.

SBOAfaan, seenaa fi aadaan Oromoo walumaagalatti eenyummaan Oromummaa duula gabroomfattootni dhabamsiisuuf irratti banan irra aanee sadarkaa har’a irra gahee jiru kana irra gahuu isaatiif galanni kan gootowwan Oromoo ti. Keessumattuu Afaan Oromoo kaleessa dubbatamuudhumtuu akka cubbamaatti nama lakkoofsisuu fi Raadiyoo cabsa faa jedhamee Habashootaan irratti duulamaa ture qabsoo sabboontonni Oromoo roga hedduun gaggeessaniin ummanni Oromoo qaanii fi dhoowwaa tokko malee dubbataa, barnoonni ittiin kennamaa fi afaan hojii tahee jira.

Afaan Oromoo wareegama qabsaawota Oromootiin sadarkaa har’a irra gahe kana irraan gahamuun injifannoo galmaahe haa tahu iyyuu malee, Oromiyaa keessatti afaanicha afaan barnootaa fi afaan hojii taasisuu irratti har’ayyuu dhiibbaan diinaa kan irraa hin hafne  tahuun sirriitti hubatamaa jira. Bakkoota hedduutti Afaan Oromoo afaan Amaaraatiin bakka buufamee wayta hojiin hojjetamuu fi dhimmoonni adda addaa raawwataman agarra. Gartuun mootummaa wayyaaneetiin bixxillame, ergamaan sirnichaa OPDOn, maqaaf Oromoofin dhaabbadhe haa jedhu malee har’aan tana fedhii diinnan Oromoo tiksuudhaaf hojjechuu irraa guddina Afaan Oromootiif wayta danqaa tahu mul’ata. Afaan Oromoo har’aan tana Oromiyaa keessatti sadarkaa maalii irra jira? Wanneenii fi warreen afaan saba guddaa kanaaf gufuu tahan hoo maal faa dha? dhimmoota jedhan irratti, walumaa galatti ammoo dhiibbaa Afaan Oromoo irratti godhamaa jiruu fi Afaan Amaaraan bakka buusuuf shira xaxamaa jiru ilaalchisee Oromiyaa irraa dargaggoo Ibsaa Dhugaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhe keessatti yaada bal’aa kennee jira. Dhiibbaa Afaan Oromoo Irratti Godhamaa JIru…

1 thought on “Magaalota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Dhiibbaan Afaan Oromoo Irratti Godhamaa Jiru Hammaachaa Akka Jiru Dargaggoo Sabboonaa Ibsaa Dhugaa Gaaffii fi Deebii SBO Waliin Taasiseen Beeksise.

  1. Kun dhugaa lafa gubbat mul’ataa jiruudha.Shira bifaafi amala jijjiiratee ammaan tanas xaxamaa jiru nuti dhaloonni ammaa dura dhaabachuun aarsa kafaluuf waadaa waliif seenuu qabna.

Leave a reply to Fromsa Cancel reply