SAAMICHI MAQAA “ABO”,,,,,,Kutaa 3ffaa

Barreessaa dhugaa baasa!WARRI MAQAA GEGEDDARAN MAAL BARBAADU ? SIYAASI BILCHAATAA FI DHEEDHII JEDHAME QOODAMU JIRAA ? BILCHINA SIYAASAA MOO, BILCHINA TOFTAATU NUUF FARDIIDHA ?????

SEENAA  Y.G (2005)

Barreeffama kutaa 2n dhiheesse keessatti, maqaa saammchuuf fiigichi taasifamu, Kaayyoo saammchuu akka hin taanee, ragaa waliin dhiheessuu yaaleera. Maqaa qofaaf arreeduun ammoo, akka fixeensa ganamaa mul’atanii baduu akka hordofsiisu ibseera. Kana irraa ka’uun,  Ummata biraa deeggarsa dhabuu jechuun, Ummati waan afarfamu sana keessaa akka fedhii hin qabne mirkaneessu ta’uu tuqeera. Maqaa qofa saammchuuf badaduun kan beekamu, humni isaan maqaa saammachuu irratti bobbasanii fi humni Hojiin mul’atanii argamuuf bobbaafamu, akkasumas,diina irratti ibsa tokkollee odoo hin baafnee, yeroo foii obbolaa ofii hadheessuuf sochiin taasifamu, waaqaa fi lafa ta’uu isaa katabeera. Ummati Oromoo, kana caalaa waan maqaa isaan hojjatamu ykn gaggeeffamuu hundaa irratti , waan miidiyaa irraa lallabamu qofti  akka  bakka isa hin bu’iin ifatti ibsachutti ce’uu akka qabu, kana irra dabree, Siyaasa salphinaa Maqaa saammachuu duuba jiru of irraa dhaabee, humnoonni jiran xiyyeeffannaan isaanii diinoota Ummata isaanii fixan irratti akka xiyyeeffatan, Ummatis hojiin qofaa akka isaan madaalu itti himuu akka barbaachisu ibsuuf yaaluun, summii facaasuu odoo hin taanee, dhugaa jiru walitti himuudha. Waan wal hin sobnee tokko , dhugaa ifatti dubbachuun kanneen suuqa keessatti siyaasa foorjidii hojjatanii ittiin dhimmaa fi kaayyoo diinaa raawwachiisuu barbaadaniif, summii ta’uu isaa hubachuun dansaadhaSAAMICHA MAQAA ABO….kutaa 3ffaa

3 thoughts on “SAAMICHI MAQAA “ABO”,,,,,,Kutaa 3ffaa

  1. Dhugaa fi haqa jiru dha.warri maqaa ABO tiin daldala bu’aan isaa salphina ta’e irraa deebi’uun moora qabsoo jabessuun mata dhuma isaaniif bu’aa qabeessa dha.
    Kan nama aja’ibu yeroo durii namni tokko yerooma fedhe afaanin bilissummaa o’isa garuu manaa hatii mana halagaa dha.hiriyyooni isa hunda dura siree kee metrii 1:20 bilisoomsi jedhan.
    Ega utuu dura sammuu isaanii jallinaan qabame bilisoomsuu dha .ummatni oromoo ABO isuma ganamaa duwwaa filata!!!
    Nagaatti.
    IUO
    G3

  2. ABOn achi taa’anii addaan wol qoodu, dargaggoon biyya keessa jiran isaaniif jedhanii… Gama kiyyaan dhaabi maqaa uummata oromootiin jiru hundi sobduudha. Kana jechuun wol qeeequu malee ABO hanga ammaatti hin argine.

  3. nagaadhaa Duuressaa ? ummata ofiif yaaduun inuma jira. haqa jiru amma jiru sana beekuun barbaachisaadha. ABO ati hin jiru jettu diinnii halakanii fi guyyaa kan maqaa isaa dhawaa jiraatu miti ? diinni guyyuu waan sadaataa jiraatu ati maa hin jiru jetta ? waan ummati barbaadu hin geenneen tokkodha. waan lubbuun meeqa itti wareegama hin haaliin. hojjatee asi ba’uu dhiisuu komachuu dandeessa. garuu diina caalaa of hin arrabsiin adraa

Leave a reply to DURESA Cancel reply