Gaaffiilee Hundee Barattooti Oromoo Gaafachaa Jiranii fi Yeroo Ammaa Qeerroon Raabsamaa Jiru.

QeerrooWayyaanee EPRDFn Maqaa walga’ii leenjii barsiisotaa, fi barattoota jedhuun mirga keenyaa fi uummataa keenyaaf falmannu ukkamsuun umrii bittaa dheereffachuuf gaggeessa jira, kaleessa barattootaa fi barsiisota akkasumas uummata Oromoo rasaasan ajjeesan, kan hidhatti guuraan gaaffii gaafachaa turreef deebiin keenya rasaasa, hedduun hidhatti guurame.

Gaaffiiwwaan rakkoo hudhaa Oromoo fi Oromiyaa haala yeroo irratti akka guutummaa Oromiyaatti  Dargaaggootni  Qeerroon barattootni Oromoo Qopheeffachuun Waliif dabarsaa jiran:

  1. Labsii fi karoorri dhiittaa uummata Oromoo irratti baroota dheeraa dalagamaa ture bara darbe 2014 ifatti as ba’ee maqaa ‘’Master Plan Finfinnee’’ kan jedhu kun akeekaa diinaa fi Oromoo fi Oromiyaa balleessuu waan ta’eef atattamaan akka uummata keenya irraa dhaabbatu gaafanna!!
  2. Barattootni, dargaggootni fi waliigalatti uummatni Oromoo gaaffii mirgaa Finfinnee fi Master Plan Finfinnee mormuun karaa nagaa gaaffii waan dhiyeeffanneef rasaasan reebamne ajjefamnef mootummaan kun seeraatti nuuf dhiyaachuu qaba, Uummata keenyaa ajjeefamaniif ifatti gumaan kanfalamuu qaba, kanneen hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu!!
  3. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa, kabajamuun mirga namummaa fi mirga dimookiraasii uummata keenyaaf haa kabajamuu!!
  4. Mootummaan EPRDF barattoota Oromoo mirga sarbuun hidhaa, ajjeesaa, barnootaa fi biyya irraa ariiachaa waggaa 25 guutuu jiraate, yakka waggaa dheeraa barattoota Oromoo irratti raawateef gumaa kanfaluu qaba, aangawootni waayyanee EPRDF yakkamtoota kanneen ajaja dabarsuun ilmaan Oromoo irratti yakka raawwachiisanii fi rawwatan  seeraatti dhiyaachuu qabu!!
  5. Uummatni oromoo Mootummaa isa bulchuu fi wabii dhaabbatuuf dhabuun uummata keenya balaa Beelaa, Qe’ee irraa buqqa’uu, qabeenyaa samamuu, hidhamuu fi ajjeefamuuf isa saaxilee jira, kanaafuu mootummaan aangoo irra jiruu Uummata Oromoo fi Oromiyaa bakka bu’uu hin danda’u!!
  6. Uummatni Oromoo biyyatti keessatti baay’inaan Uummata Ethiopia walakkaa miliyoona 40 utuu ta’ee jiruu waggaa 26 guutuu aangoo siyaasaa keessa baafamee gita bitta jala jiraachuun beekamadha, kanaan booda gabrumaa EPRDF/TPLF hin fudhannu, afaan qawwee fi loltuu irra qubsiisuun Oromiyaa bituun dhaabbachuu qaba jenna!!
  7. Mirga uummata keenyaa fi saboota cunqurfamoo kabachiisuuf Mootummaan ce’umsaa Yeroo hundeeffamee filmaatni haqa qabeessi gaggeeffamee hireen uummata keenyaa akka kabajamuuf gaafanna!!
  8. OPDO’n Oromiyaa keessatti Seenaa hin qabu, seenaa OPDO  dubbachuun nama qaanessa, OPDO’n waggaa 24 guutuu bakka Shaggar kaabaa bakka Darraa jedhamutti hundeeffamne, jedhee uummata sobaa erga turee booda bara darbee immoo Nuti ‘’Naannoo Tigiraay Aanaa Adeeti’’ jedhamtu keessatti hundeeffamne jechuun labsattan isin amma dhugumaa eessatti akka hundeeffamtanii fi maaliif akka hundeeffamtanii fi eenyuu akka isin hundeesse beektuu??
  9. Gaaffii Uummata keenyaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf Loltuu Agaazii fi poolisii Fedraalaa nurratti bobbaasuun dhaabbatee Aangawootni Mootummaa EPRDF/TPLF /OPDO nu gidduutti argamuun deebii nuuf kennan gadi jabeesinee gaafanna!!
  10. Biyya Ethiopia mootummaa abbaa irree EPRDFn gaggeeffamu keessatti filannoon dimookiraatawaa takka gaggeeffamee hin beekuu, Maqaa filannoo dimookiraatawaa gaggeessuu jedhuun mirgi Oromoo ukkanfamee filmaata sobaa gaggeessuun amaleeffatame akka dimookiraasiitti fudhatama waan jiruuf akeekni fokkataa fi mirga ilma namaa sarbaa jiru kun dhaabbachuu qaba!! Yakka dahoo filannoo kijibaan bara baraan gaggeeffamaa tureef mootummaan kun itti gaafatamuu qaba. Kan jedhuu gaaffiilee Bu’uuraa rakkoo hudhaa uummata keenyaa ta’ee dhiyeeffanna malee Walga’ii Leenjii wayyaanee hin fudhannu jechuun Dargaggootni barattootni Oromoo fi beektootni Oromoo sagalee tokkoon waliigallee mirga keenya kabachiifachuuf kan falmannu ta’uu murteessine.

             Injifannoon uummata Oromoof!!

             Qeerroo bilisummaa Oromoo!!

          

5 thoughts on “Gaaffiilee Hundee Barattooti Oromoo Gaafachaa Jiranii fi Yeroo Ammaa Qeerroon Raabsamaa Jiru.

  1. Mirga keenya matuma keenyaan murteeffanna. Wayyaanee fi OPDOn ummata Oromoo bakka hin bu’u.

    Oromoon bakka jiru hunda harka walqabatee tokkumman mirga isaa fi biyya isaa kabajsiifachu qaba

    WBO keenya jajjabeysuun fulduratti deemuun bikka yaadne ga’uu ni dandeenya

    Oromian dhiiga ilmaan Oromoo tiin nibilisoomti!!!

Leave a reply to Qeerroo Cancel reply