Fulbaana 19/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII fi AANAA CALLIYAA GEEDOOtti Walga’ii Barsiisota Wayyaaneen Qindaaye Irratti Gaaffiin Mirgaa Ka’uu Qeerroon Gabaase.

33Fulbaana 19,2015 Geedoo,,Ergamtoota Wayyaanee OPDO walga’icha gaggeessuuf ramadan gaaffiin joonjessuun of irraa arii’uun walga’ichis fashaala’e. Goototni barsiisootni Oromoo AANAA MIDAA QANYII fi CALLIYAA GEEDOO manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa MIDAA QANYII M/B Bakkalcha Barii sadarkaa 2ffaa , M/B sadarkaa 2ffaa Qanyii Bahaa Biftuu, M/B sadarkaa 2ffaa Baabboo MidaA Qanyii fi M/B sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Ballaammii fi manneen barnoota sadarkaa 1ffaa keessatti illee haala walfakkattuun mormiin barsiisota qabsiifamuun walga’iin Wayyaanee fashalaa’e.

Akkasumaas AANAA Calliyaa Geedootti Manneen barnoota kanneen akka M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa , M/B sadarkaa 2ffaa Baabbichaa fi Manneen Barnootaa geedoo sadarkaa 1ffaa Dirree Guddinaa fi Dirree Jaartii jedhamanii fi Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa baadiyaa aanichaa keessatti Walga’ii gaggeeffamaa ture kana irratti mormii guddaa fi gaaffin guddaan ka’uun walga’iin wayyaanee fashalaa’ee karoorri walga’ii torbee tokko oliif qabame dhaabbate jira.

Goototni barsiisotni Oromoo AANOTA LAMAAN irraa iyyuu gaaffii walfakkataan dabbaloota OPDO dura dhaabbachuun itti qoosuun fudhatama dhabsiisan. gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaachisuun walga’ii Leenjii siyaasaa mootummaa EPRDF hin fudhannu, nuti mootummaa mirga uummata keenyaa kabaju fi kabachiisuu dhabuun ‘’Maqaa Master plan Finfinnee’’ jedhuun Uummatni Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqa’aa waan jiruu fi mootummaan aangoo irra jiruu Oromiyaa balleessa waan jiruuf isin hin dhaggeeffannu jechuun ergamtoota Wayyaanee OPDO dura dhaabbatan. Walga’iin W ayyaanee EPRDF Oromiyaa keessatti leenjii siyaasaa wayyaanee ittin kennaa jirtu kun seenaa OPDO hundeeffama irraa hanga ammatti kan jedhu kan faarsuu yoo ta’uu, seensii ajendaa walga’ii kanaa gaaffii guddaa kaachisuun dabballootni wayyaanee waan qabanii gadhiisan dhabuutu ibsame jira. Haala kanaan Aanaa Midaa Qanyii guyyaa 3ffaa erga gaaffii fi waldiddaa guddaan barsiisotni dura
dhaabbachaa turanii booda guyyaa hardhaa barsiisootni gaaffii isaanii waan jabeessaniif akeekni wayyaanee milkii tokko malee hafuun walga’iin leenjii siyaasaa Wayyaanee kun fashalaa’uu danda’ee jira. Haala walfakkaatuun gaaffiiwwaan bu’uuraa goototni barsiisotni Oromoo kaasuunii fi gaaffiilee mirgaa ijoo ta’an gaafachuun dhagahame.

1 thought on “Fulbaana 19/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII fi AANAA CALLIYAA GEEDOOtti Walga’ii Barsiisota Wayyaaneen Qindaaye Irratti Gaaffiin Mirgaa Ka’uu Qeerroon Gabaase.

Leave a reply to Qeerroo Cancel reply