Waamicha Diddaa Master Pilaani-Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

cropped-qeerroo-edit.jpg

Waamicha Diddaa Master Pilaani

   Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

Seenaa keessa bakka olaanaa fi yaaddannoo kan qabatu bara 2014 baatii Ebla irraa kaasee oromiyaa keessatti Diddaa mormii Maaster Pilaanii mootummaan wayyaanee akeekkate dura dhaabbachuun lubbuun ilmaan oromoo itti wareegame, uummanni jumlaadhaan mana hidhaatti guurame, kaan qaamaan miidhame tahullee diddaa kanaan karoorri Maaster Pilaanii yeroof kan hojii irra hin oolle yoo tahu mootummaan wayyaanee yeroo ammaa tuffii uummata oromoo irraa qabu maal fiddiidhaan karoora kana gara hojiitti hiikuuf murtoo irra jiraachuun yeroo ammaa miidiyaalee gaazixaa fi kkf irratti bahaa jiraachuun hubatamaadha.

Haata’u malee dhiigni ilmaan oromoo yeroo darbe dhimma kanaaf dhangala’e hamma dhiiga saree tokkoottillee lakkaa’uu dhiisuun tuffii irra darbee maqaa kanaan sanyii oromo balleessuu fi lafa isaa irra buqqisuu fi dhiiga ilmaan oromoo dhangalaasuuf as bahee. Dhiiga ijoollee oromoo irra tarkaanfachuun kun milkaa’uun tuffii saba guddaa oromoo irraa qaban mul’isaa jiru.

Kanaaf;Waamicha Diddaa Master Pilaanii

8 thoughts on “Waamicha Diddaa Master Pilaani-Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

  1. tuffiin waayyaannen ummaata oromoo irraa gaha jiru sukkaannessadha kanaaf immoo oromian martii lafa keenyaa falmaachu fuldura diinati ammas wareegamna malee master pilanin hojjirra hin olu.gaazexa isaani dubbisera filannoo waan monef mps bara 2008ti hojjirra olchachu qabna jedhani bulchinsa magaala finfnneti dhiheesani jiru.jaarraa 14 dura lafa finama jijjirun nafxanyan oromoo daldala ture ammas nurra hin buhu kun yoomif dhalanne qeerroo?

  2. Pingback: DUUla hidhaa fi master planii Finfinnee | kelbessac

  3. 1. Lafa jechuun eenyummaa jechuudha, lafa dhabuu jechuun eenyummaa offii ( Dinagdee, Hawasummaa, afan,adaa,jireenyaa fi walumaagalatti malummmaa ifii dhabuu dha. Kana jechuun ammo adunyyaa irraa dhabamu irraa garagartummaa takka illee hin qabu.
    2. Laftti fuudhatamudhaa deemu kuuni lafa gabbataa fi qilleensa jireenyyaaf mijitaa ta’e.
    3. lafa hektaara milliona lama jechuun, ummatni millionootaan lakkawamu agabu buula, harka duwwaa ta’a jechuudha.
    4. Lafaafi ummata bala’aa ittin boontan kana isin harka suuta suutaan haphiisna jeedhanitti ture, wayyaannonni, Kuno ammas isumarra akka jiran shakkin tokko illee hin jiru.

Leave a reply to Lammi Cancel reply