Ummatoota Beela Irraa Baraaruun Akeeka Mootummoota Itophiyaa Tahee Hin Beeku.

(Ijoo Dubbii ABO)

Hagayya 31,2015

OLF,ABO Gadaan Gadaa Bilisummaati!Hawaasni addunyaa Itophiyaa empaayera ummatootni beelaan keessatti dhuman tahuutti eerga hubatee dhaloota tokko ol lakkoobsisee jira. Hundaan olitti ammoo beelli Kaaba Itophiyaa bara 1974 mul’ate, hawaasa addunyaa mara rifaasise. Ummatoota Itophiyaa dheekkamsiisee sirna Nugusummaa irratti kakaase. Barattootaa fi hojjattootas fincilsiise.

Beela bara 1974 sanaanis namootni kuma kudhanootaan akka baala mukaatti harca’an. Daa’imman harma haadha duutee osoo hodhanii addunyaan daawwate.  Kumoota dhibbaan qe’ee dhiisanii baqatuun mudate. Kun hundi oggaa tahu kanneen “Ummata keenya nu jaallatuu fi jaallannu” jechuun empaayeritti walakkaa jaarraaf bitan, rakkoo ummatootaa furuuf tattaafatuu irra beelli ummatoota harcaasaa jiru addunyaa biratti akka hin dhaga’amnee fi hin mul’atneef ukkaamsuuf tattaafataa turan.

Mootummaan barcuma nugusummaa dhaalee empaayera Itophiyaa jijjiirraa kabeebsaan jireessuuf aangootti ol bahes, mootummaa isa dura ture dhumiinsa sababa hongeen dhaqqabeef abaaruu fi balaaleffatuun aangoo humnaan argate ittiin jabeeffatuuf itti gargaarame malee furmaatni argamsiise hin mul’atne.

Mootummaan Dargiis mirgi ummatootaa kabajamuu, mirgi lammiileen walabummaan hojjatanii jiraatuu tikfamuu irraa dantaa waan hin qabneef empaayerittii keessaa beela dhabamsiisuu hin dandeenye. Waan taheef bara Dargiis beela xiqqaatu marroo lama mudateen ummatootni miidhamuu jalaa  hin baraaramne. Sababa beelaan  biyya ollaatti baqaan godaanuun itti fufe. Ijoo Dubbii ABO Hagayya 31 2015

1 thought on “Ummatoota Beela Irraa Baraaruun Akeeka Mootummoota Itophiyaa Tahee Hin Beeku.

  1. Hojjettoota Raadiyoo Qeeroo, nagaan warraaqsaa haa dursu. Hoji boonsaa fi feesisaa Oromof gochaa jirtanitti gammachuu qaba, degeraa keesanis. Amma dura yaada tokko isiniif dhiheesseen ture, waan hojii ira oole natti hin fakkaatu. Ammas yeroo maayiif nan yaala. Innis, akkaataa itti dubsitooti oduu aarii, sagalee cimaa fi saffisan oduu dubbisanii dha. Hundi keenya iyyuu, waan Waayaanneen nu gochaa turtee fi jirtutti ni aara. Garuu uumata duratti yemmuu raadiyoo fi meediyaa kan irratti dhihaatnu xiqoo of qusatchuun ni feesisa. Kanaaf, maaloo aariin osoo hin dabaalin suutuma sagalee qabanaa’atiin oduu nu dhageesisaa.

Leave a reply to wayyeessaa Cancel reply