Mootummaan Wayyaanee ta’e jedhee uummata Oromoo fi saboota cunqurfamuu waggoota hedduuf akka daguuguu jiru beekamaadha
Halkan edaa Hagayya 27,2015 magaalaa Naqamtee kutaa boordii-bunaa Hoteela Mulaatuu Dibaabaa maqaa baar Ukkee jedhamuun beekamu keessatti loltooti Federaalaa Ethiopia imaltootaafi keessummoota hoteelichaatti isin Oromoonni hundi keessi keessan ABO dha mootummaaf tole jettanii hin bultan,Oromoon biyya hin qabuu fi jechoota adda addaan dubbii kaasaniin jeequmsa uumanii hawaasa Oromoo nagaa wayita reebuutti ka’anitti dargaggoon shufeera ykn konkolaachisaa ta’e Faasil namni jedhamu namoota miidhamaa jiran ilaalee gara laafinaan maaloo lammii Oromoon maaluma isin godhani adaraa hin ajjeesinaa waan jedheef qofa poolisooti federaalaa Ethiopia rasaasaan nama kana rukutanii lafa buusanii deemaan konkolaachisaan Faasil jaalala uummataa haalaan nama qabu waan ta’eef konkolaataa hedduun hanga finfinneetti imaluun reeffasaa fidanii guyyaa boruu naqamtetti kan awwaalamu yeroo ta’uu Konkolaachisaa Faasil biyyoon itti yaasalphattu roorroon akka nurraa kaatu gamtaan yaafalmannu jenna.

Gumaa isaa du’e isaa jirutu baasa.Oromoota sababa malee lubbuu isaani dhaban biyyoon itti haa salphatu.