Raadiyoo Sagalee Walabummaa Oromiyaa(RSQWO)

Raadiyoo Sagalee Walabummaa Oromiyaa  Ebla 13, 2015 jalqabee karaa marsariit http://www.independentoromia.org/ darbaa jiru dhgeessanii jirachuun keessan ni mala. Radiyoo kana yeroo dhihoo keessatti “short wave” dhaan Oromiyaatti tamsaasuuf qophiinsa xumuramee jira.

Akeeknii Raadiyoo Sagalee Qabsoo Walabummaa Oromiyaa (RSQWO) kaayyoo qabsoo walabummaa Oromiyaa kan biyya walaba fii  uummata bilisa ta’ee argamsiisuuf jedu  jajjabeessuuf carraaquu dha.

Sabbonumma Oromoo kunuunsuu, guddina inni argsiisa jiru jajjabeessu, caalatti, tokkummaa sochii saboontoota Oromoo, warra  Oromiyaa  walaboomsuuf hojettan haaroomsuu fii cimsuun akkeekasa keessa isa isa duraa ti.. Akeeka raadioo kanaas e-mail kanatti uddellee erginee jirra.

Yoo raadiyoo kana amma ammatii hindhgeenyee ta’ee http://www.independentoromia.org/ dhaquun sagalee addaa (unique) ta’ee kana akka caqafatan kabajsan isin afeera.

Qopheessitoota RSWO.

2 thoughts on “Raadiyoo Sagalee Walabummaa Oromiyaa(RSQWO)

  1. Dhaamsaa shaggaa fi wellee ‘loli qeerroo’ jedhu qaba ture, garuu maal ta’e hin beeku ni kaasan. Dhaamsi isaa akka uummati Oromoo fincila fi diddaa naga godhu, qoqobbii bittaa fi gurgurtaa meeshaa dabalate, waan afeereef ta’uu hin oolu.

  2. Pingback: kelbessac

Leave a comment