Waxabajjii 21,2015 Finfinnee
Mootummaan EPRDF/TPLF akkuma amala isaa gama ittin qabee barattoota Oromoo hidhaatti guuruuf jedhee gama barattoota ilmaan Tigiree hiriiruun ilmaanOromoo irratti roorrisuuf yaalii guddaa godhus goototni barattootni Oromoo shira diinaa irratti dammaquun FDG jabeessuun dura kan dhaabbatan ta’uun ibsame. Haaluma kanaan Warraaqsii jabaata ta’ee mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee Qilinxootti argamuu keessatti qabachuun mooraan Yuunibarsiitii kunis raafama guddaa keessa galte. Goototni barattootni Oromoo dabballoota wayyaanee gama barattoota Tigiree ta’an keessan hiriiruun barattoota Oromoo hidhuu, ajjeesuu fi shiroota garaagaraa irratti rawwachuuf bobbaafaman dhagaan kan haleelaman ta’uu madden qeerroobilisummaa Finfinnee irraa gabaasan.
Goototni barattootni Oromoo ilmaan diinaa ergama diinummaa Wayyaanee baatanii fiigaa jirandhagaan of irraa haleeluun FDG waan itti jabeessaniif dabballootin mootummaan wayyaanee mooraa Yuunibarsiitii Finfinnee Qilinxootti argamu bulchaa jiran human Pooliisii Federaalaa fi Agaazii mooraa Yuunibarsiitiitti ol galchuun barattoota Oromoo irratti yakka sanyummaa rachuu kan eegalan ta’uutu ibsamee jira. Sochiin kun guyyaa kaneegalee hanga halkan keessaa sa’aa 5ttii illee kan itti fufe ta’uu irraan barattootni Yuunibarsiitii gadi lakkisuun gara Magaalaatti illee gadi ba’uun shira dabballoota wayyaaneen qabsiifame irraa gara Poolisoota federaalaa wayyaane dura dhaabbachuutti jabeessuun kan itti fufan ta’uun ibsame jira.
Mootummaan Wayyaanee sochii barattoota Oromoo kanatti yaaddoo keessa seenuun kan duraan iyyuu of dammaqaa jiraatu human poolisii federaalaa guddaa barattootatti bobbaasuun ilmaan Oromoo irratti Yakka reebichaa fi gara mana hidhaatti ukkamsee guuraa jiraachuun ibsame jira. Adeemsii kun immoo ittumaa barattoota Oromoo gara FDG kan jabeessaa jiru ta’uu irraan Yeroo ammaa kanatti adeemsii baruu fi barsiisuu mooraa Yuunibarsiitii Finfinnee Qilinxootti argamuu keessatti dhaabbatee jirachuun ibsamera.
