Caamsaa 30,2015 Sulultaa
Naannawa Shaggar Aanaa Sulultaa Ganda Dubar Keessatti mootummaa abbaa irree Wayyaanee diddaa uummataa dhaamsuuf uummata gooluu itti fufe. Mootummaa abbaa irree Wayyaanee TPLF filannoo dharaa fi fakkeessii yeroo darbe gaggeessuuf yaale irratti uummata isa deeggaru dhabuun sagalee uummataa haatuun isaa ni beekama. Sagalee uummataa hatuu irraan kan ka’e uummanni Oromoo Qeerroo waliin ta’uun FDG finiinsaa kan jiru yoo ta’u, mootummaan TPLF akkuma amala isaa diddaa uummataa dhaamsuuf guyyaa har’aa AanaaSulultaa ganda Dubar keessatti karaa dabballoota kaadiree fi tikoota isaan uummata mana manatti irra naaanna’uun dargaggoota keessan dhoowwadhaa, mootummaa irratti fincila kaasaa jiru waan ta’eef guyyaa har’aa irraa eegalee dargaggoo karaatti bahee falmu irratti mootummaan tarkaanfii fudhata jechuun doorsisaa oolan.
Qeerroo Oromoo Aanichaa fi gandicha keessatti argamu FDG daran jabeessee kan itti fufu tahuu dhaamsa qaban waliif dabarsaa uummanni Oromoo naannoolee Oromiyaa hunda irraa Qeerroo Bilisummaa waliin tahuun FDG daran finiinsuu akka qaban dargaggoonni aanichaa waamicha lammummaa dabarsu.