Caamsaa 27,2015 Mattuu
Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu Warraqsaa FDG jabeessuun itti fufan, Waraannii mootummaa Wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Mattuu seenee barattoota goolaa jira. Barattootni Mooraa Yuunibarsiitii gadi lakkisuun gara uummaata magaalaa Mattuu fi naannawaa Yuunivarsiitii mattuutti makaman, Waraannii guddaan mootummaan Wayyaanee barattoota irratti bobbaase mooraa Yuunibarsiitii mattuu irratti waraana banuun dhukaasa gurguddatu dhaga’ama jira. meeshaa gaazii summaa’aa nama boosisuu barattoota irratti dhukaasuun barattoota hedduu ukkamsuun hidhaatti guuraa jiru, barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa fi dimookiraasii waan gaafataniif hedduun reebamani, hedduun hidhaatti ukkanfamaa jiru.
Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu guyyaa har’aa kanas warraaqsaa FDG kaleessa galgala eegalaan jabeessuun waraana wayyaanee dura dhaabbatan. Waranni Wayyaanee baay’ina barattoota Yuunivarsiitii Mattuu ol ta’uu mooraa Yuunibarsiitichaa waan seeneef barattootni iyya guddaa kaasuun mooraa gadhiisanii gara uummata Magaalaa Mattuu fi naannoo Yuunibarsiitii Mattuutti makatan. Waranni Wayyaanee immoo mooraa Yuunibarsiitii to’achuun mooraa Yuunibarsiitii mattuu dirree liinjii waraanaa fakkeesse goolii uumee jira.
OMN yaada jidduu kana dabarsaa jiru ijoo dubbii guddaa dha saba oromoof
Innis kan ijoo ta’ee fi fala dhabe qeerroon lubbuu isaanii tokkitti kana aarsaa godhan inni kaan maal eegaa?
Ani kan jedhu inni qarshii qabu qarshiin
Inni Humna qabu qabsoo hidhannoo silaas gochaa jira caalaatti gaaachana oromoo WBOn.
Warri biroon akka OMN jedhetti OPDOn hanga yoomitti caasaa halagaa tiin dhugamuun itti fufa.
Ega hundumtuu gara tokkotti luucca’uun bilissummaa oromoof socho’uu malee filatnoo kan biroo hin jiru.kana caalaa oromoon hangam salphataa????
tokkummaan humna!!!!!!
IUO
G3