Caamsaa 26,2015 Gabaasa Qeerroo Fiichee
Godina Shaggar Kaabaa magaalota Fiichee, Caancoo,Sulultaa irraan daandiin kutu uummataan cufamee jira, Gabroomnee jiraachuudhaaf
gabroonfataan humnaan nu bituuf qawwee qajeelfatee ka’e wayyaaneen uummata keenya fixuudhaaf wayita karoorfatee ka’etti callisuun
waanjoo gabrummaa of irratti dheeressuudha jechuun filannooos deemne jijjiiramni jiru diina nurratti aangomse jechun FDG shaggar kaabaatti itti fufee jira, uummanni qe’ee isaa qabeenyaa isaa beela osoo hin jedhin erga filannoon kijibaa wayyaanee raawwatee asitti mootummaa Wayyaanee ofirraa fonqolchuu, bilisummaa gonfachuu abdii wal godhatee deggersa Qeerroo Bilisummaatiin Fincilli ka’ee itti fufee jira,
Magaala keessa jirutti uummanni daandiitti bahee iyyaa fi waamicha dabarsaa jiraachuu amma Qeerroon magaala Sulultaa irraa gabaasa.