Caamsaa 24/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYIItti Warannii Wayyaanee Uummata Nagaa Irratti Dhukaasa Baneen Barataan Baqqalaa Hulluuqaa kutaa 10ffaa Baratu Rukutame.

Guyyaa har’aa ganama barii lafaa irraa eegaluun qeerroowwan dargaggootni oromoo fi uummatni Oromoo walta’uun dimookiraasiin jira jechaa qawween nu ajjeesaa jirtuu, korojoo ofiin saamaa fi utuu uummatni ba’ee hin filatiin dursitanii itti guutaa jirtuu, biyya bilisummaan, dimookiraasii fi mirgi ilma namaa hin kabajamnetti filannoo dimookiraatawaa gaggeessuun sobadha jedhuun warraaqsa FDG dhoosuun waraana wayyaanee fi milishoota wayyaanee korojoo saamuun fiiga jiran waliin kan waldhansoo qabuu eegalee sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo daran jabaachuun mootummaa wayyaanee raasee qabuun filmaatichi fashalaa’ee battalumatti dhaabbatee jira. Waranni Wayyaanees Sochiin uummataa hin eegamne waan isa mudateef battalumatti dhukaasa irratti banuun barataan oromoo tokko rasasa wayyaaneen rukutamee jiraachuun ibsamee jira.barataan kunis :
1. barataa Baqqalaa Hulluuqaa barataa kutaa 10ffaa yeroo amma kana rasaasa waraana wayyaanee irra uummatatti dhukaafamaa jiruun rukutamee du’aa fi jireenya gidduu jirachuu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Aanaa Midaa Qanyii baallammii irra gabaasa jiru, barattan kun waraanaaf batalatti illee mana yaalaa utuu hin qaqqabii kan jiruu ta’uu maddee dabalanii gabaasa jiru.

1 thought on “Caamsaa 24/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYIItti Warannii Wayyaanee Uummata Nagaa Irratti Dhukaasa Baneen Barataan Baqqalaa Hulluuqaa kutaa 10ffaa Baratu Rukutame.

Leave a reply to mujahid Cancel reply