Barattooti Oromoo Mooraalee Yuuniversitii Adda Addaa Guyyaa Har’aa FDG Itti Fufan.

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 13,2015

diddaa9Mooraalee barnootaa Yuuniversitii Oromiyaa keessattu guyyaa har’aa gaaffiin adda addaa ka’ee akka jiru odeessi Qeerroo yuuniversitiilee irraa nu gahaa jira. wal duraa duubaan odeessa Qeerroo nugahee jiru irraa:

  1. Wallaggaa Yuuniversitii

Halkan edaa Bitootessa 13,2015 naannoo sa’a 6:00 irratti barattootni sabboontotni Oromoo gufuu qabsoo oromoo kan tahan, ilmaan Oromoo irratti yerood heeraa ajjechaa kan raawwatan “ Gantuu, Hattuu, Saamtuu , Maxxantuu fi Basaastuu kan tahan, dhiiga ilmaan oromoo kan xuuxaa jiran bakka jiranitti jireenya isaanii balleessuudhaaf tarkaanfii jabaa isaan irratti fudhachuu qabna” kan jedhu barruun mooraa yuuniversitii Wallaggaa keessatti sabboontota barattoota oromootiin maxxanfamee kan bule yoo tahu list barattoota hojii hamaa kana irratti bobbahanii sabboontota barattoota oromoo mooraa kanaan tarkaanfiin irratti fudhatamuuf akeekame nama 23 waliin maqaa isaanii guutummaa waliin kan maxxanfamee bulee fi battaluma sanatti caasaa mootummaa mooraa sanatti argamaniin waraqaan maxxanfame kun kan buqqa’e tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

  1. Haroma yaa Yuuniversiitti:

Akka odeessa Qeerroo mooraa yuuniversitii kana irraa addeessutti barattootni dhimma barnootaan kan wal qabate har’a gaaffii kaasanii jiru,kunis qindoomina Qeerroo mooraatin tahuu isaa odeessi kan ibsuudha, akka ibsa gabaasichaatti barattootni muummee barnoota Ogeessa Fayyaa Bineensotaa baratan waggaa 1ffaan gaaffii isaan kaasanii jiran gosa muummee barnootaa kanaan kanaan dura barattoota eebbifamanii jiran hanga ammaatti hojii irratti kan hin bobbaane waan taheef barbaachisummaan isaa maalii? Kanaafuu kutaan barnootaa kun cufamee muummee barnoota biraa seenna jechuudhaan barumsa dhaabanii akka jiran odeessi kun ibsa. Kanumaan wal qabatee muummee barnoota kana irratti kan hojjetan bulchiinsi, osoo barattanii gaaffii kaasuutu fudhatama qaba malee akkamiin barumsa dhaabdu jechuun mufannaa fi aariidhaan mootummaatti gabaasa olgochuu fi barattoota muummee barnoota kana irratti bulchiinsi moorichaa tarkanfii fudhachuuf kan deemu sochii taasisuu kan eegalee, barattootni muummee biroon akka walii galaatti barattoota kana deggeruudhaan cina dhaabbatanii fincila dhimma kanaan wal qabate finiinsuu irratti argamanii akka jiran gabaasni qeerroo nugahaa jiru addeessa.

  1. Walloo Yuuniversitii , Mooraa Dasseetti

Dhimma filannoon kan wal qabate irratti, kunis taajjabonni filannoo mooraa sanaa martinuu barattoota oromoo qofaadha, kan tahuu qabus akka kanatti kan murtaa’e kanaafis taajjabdoota kana filachuudhaaf dirqama Afaan oromoon dubbachuu fi gaggeessuu qabna kan jedhamuun yoo tahu akkuma isaatti afaan oromoo kan hin dhageenye afaan amaaraatti hiikuudhaan sagantaan filannoo sun kan gaggeeffame taajjabdoota barattootni 14 kan filamaniidha, isaan keessaa namni 3 miseensa Qeerroo akka tahe odeessi Qeerroo nugahe kan ibsuudha. Kanumaan Afaan oromoo irraa kan hafe afaan biraaniyyuu dubbatamuu hin qabu nuti oromiyaa keessa kan jiraannu jechudhaan barattootni oromoo sochii taasisaniin mootummaan wayyaanee inni aadaa fi afaan oromoo balleesuuf dhama’u barattoota kana dura dhaabbachuu fi taajjabdoota filaman keessaa shakkii qaban miseensi Qeerroo jiraachuun isaa filannoo mooraa kanatti gaggeeffamu laamshessuu danda’u kan jedhu qorannoo fi marii peresedantii moorichaan mariin guyyaa guutuu gaggeeffamaa kan oole tahuu isaa odeeffannoon nugahee jira.

  1. Waldaya Yuuniversitii

Akka mooraa kanaatti fincilli addaa barattoota oromoon kan qabsiifamaa jiruudha, odeessi achirraa yeroodhaa yerootti nu qaqqabaa jiru torbee kana guutuu dhimma barnootaan kan wal qabateedha. Kunis 1ffaa qormaata seemisteeraa irratti barataa dhalootaan oromoo tahe qorumsa irra osoo jiranii telfoonni isaa iyyuudhaan quunnamtii biraa goote ykns gargaarsa barataa biraadhaaf goote kan jedhamuun barataan kun barumsaan sadarkaa guddaa kan tahe barataa waggaa 3ffaa barsiisaa tigree tokkoon kan irratti mallatteeffameen barataan kun mooraadhaa ariyame, kanumaan wal qabsiisanii barattootni oromoo wal gurmeessuun qorumsa irra osoo jiranii gaaffii kaasuun barataan kun yakka tokkollee hin qabu kan jedhu dhiyeessan, kanumaan xiyyeeffannoon barattoota oromoo kan eegaleen barattoota ciccimoo waggaa 1ffaa irraa kaasanii hanga waggaa 3ffaatti barumsa isaaanii incomplete gochuudhaan guyyoota muraasa dura barattootni oromoo qofti 1200 ol tahan mooraa gadhiisanii gara maatitti galani jiru,barattootni oromoo moorattis hafan yeroo ammaa kanumaan fincilli ka’ee kan jiruudha, barattootni oromoo mooraa gadhiisan haa deebi’an tahuu baannaan barataan kamiyyuu barachuun irra hin jiraatu jechudhaan gaaffiin itti fufee kan jiruudha, inni 2ffaan moorama kanatti barattootni muummee bulchiinsa lafaa jedhamu baratan waggaa 1ffaadhaa hanga 3ffaatti , muummee barnootaa kanaan kan eebbifaman miindaan isaaniif kennamaa turee armaan dura 4,000 ture yeroo dhiyoo asitti miindaan isaanii gara 1700 gadi siqe, kana mootummaatu faayidaa dhuunfaa isaatiif miindaa isaanii kana godhe jechuudhaan barattootni kun har’a Bitootessa 13 barumsa dhaabuu odeessi ibsa. Muummee barnootaa Ingineering irraa addaa tahu hin qabu kan jedhuun akkasuma yuuniversitiilee kanneen akka Bahardar fi Haromayyaa keessattis gaaffiin kana fakkaatu kan itti fufee jiruudha.

Yuuniversitiilee kanneen akkaa Mattuu, Bulee Horaa, Wallaggaa, Amboo, Finfinnee fi Adaamaa keessattis sochiin Qeerroo kan eegalee fi barattootni barumsa dhaabuun gaaffii mirgaa kaasuun kan itti fufeedha.

1 thought on “Barattooti Oromoo Mooraalee Yuuniversitii Adda Addaa Guyyaa Har’aa FDG Itti Fufan.

  1. OROMUMMAA dhugaa

    Akkam nagaa jirtuu,yaa ilmaan Oromiyaa,
    Yaa qomoo Oromoo,obboleewwan kiyyaa,
    Baga har’a geettan,hundi keessan fayyaa,
    Yaadni koo isin biraa,yoo jiraadhes bayyaa,
    Galata Rabbii guddaa,anilleen nagayaa!!!!!!!!!

    Dhiifama naaf godhaa,xinnoo waa haasayaa,
    Qalbiin adda baasaa,gurraan na dhagayaa,
    Waa’ee Oromootaa fi waa’ee harmee biyyaa,
    Kan hedduu na dhibe,waa’ee lammii kiyyaa,
    Irratti mari’adhaa,furmaata naan gayaa!!!!!!!

    Galata Rabbii guddaa,qaamaan numa jirraa,
    Akka qorsoo bishaanii,fagaannus walirraa,
    Bakkuma jirtanittii barbaadaa wal baraa,
    Oromummaa dhugaatiin Rakkina walii furaa,
    Hanguma qabdanii fi yaadaan wal gargaaraa,
    Walirraa hin dheessinaa,jabaadhaa hadaraa!!!!!

    Waa’ee baqattummaa,yeroo wal gaafannuu,
    Waan heddutu jira,wanti nuti yaadannuu,
    Abdii sabaa fi biyyaati,gaafa karaa yaanu,
    Dureeyyii akkat mitii,wanti nu dhaadannu,
    Wallee,hin beekne silaa,akka abiddatti gamnu,
    Osoo beekna tahee,silaa manaa hin baanuu,
    Waa madaala hin qabu,rakkoon nuti baannuu,
    Nyaatuu fi dhuguudhaan jijjiiramuu hin taanuu,
    Ka’aa bakka jirruu,dhugaaf haa falmannuu,
    Duuti dhiiraa takkaa,si’a lama hin duunuu,
    Lukkeelee Wayyaanee,karaa haa hobbaafnuu,
    Gabroomsaa dullacha ofirraa haa kaafnuu,
    Hinjireewwan Kaabaa,Finfinnee haa yaafnuu!!!!!!!!

    Rakkinaa fi bal’inaan miira waliif obsuu,
    Bakkuma jiranitti,yaadaan wal jabeessuu,
    Tokkummaa uumanii,aadaa ofii guddisuu,
    Walitti dhihaatanii,seenaa wal barsiisuu,
    Ilaalcha gargariin,wal qoqqooddaa dhiisuu,
    Oromummaa dhugaa,qabsoon mirkaneessuu,
    Rabbummaan tokkochi mee nu haa badhaasuu!!!!

    Akkam nagaa bultee,jennee wal gaafannaa,
    Ofii biyyuma keenyatti alagaan dhiitamnaa,
    Mirgaa keenya dhabnee,biyyaa ari’amnaa,
    Akka Kuruphee mukaa,silaa adamfamnaa,
    Halkanii fi guyyaa,waraanaan eeggamnaa,
    OROMUMMAA qofaaf hidhatti darbamnaa,
    Inni kuun hidhama,kuuwwan mana rafnaa,
    Kuuwwan ajjeeffama,kuun biyyaa baqannaa,
    Biyyarraa baqachuu,waan gurguddoo seena,
    Kana rakkoo tahee,gamtokkoon madoofnaa,
    Kan du’e awwaalannee,deebineetiin rafnaa,
    Silaa,gariin namaa,diinaaf harka dhoofnaa,
    Silaa,abbaan garaa,dabarsee nu kennaa,
    Bakkayyuu adamsaa,warreen akka sanaa,
    Gaafas Bilisummaa kallattiin argannaa!!!!!!!!

    Mee wal haa gaafannuu,nuti eessa jirraa,
    OROMOOn gamtokkoo,maaliif rafa nurraa,
    Dhiiroo Arsii fi Baalee maali oduun harraa,
    Moo Bilisummaa dhuunfaa,argatani carraa,
    Moo silaa Arsii fi Baalee gootatu dhumeeraa,
    Silaa Bosona nurraa guban Cilaaloo gubbarraa,
    Gaalamaan gubachuu,ani dadhabee garaa,
    Osoo kana arginuu maal eegna diinarraa,
    Warri itti dhihoo jirtan sosochoosaa maraa!!!

    Qomoo Sikkoo Mandoo,ilmaan Arsii fi Baalee,
    Osoo lubbuun jirru,diinni maaf nu dhaalee,
    Warraaqsatti ka’aa,diinaan mormaa malee,
    Kan bosona gubaaruu,faallaan nutti galee,
    Warra nu gurguraa jiru,hattuun walii galee,
    Of keessaa haa baafnu,jaratu nu sakaalee!!!!

    Gootowwan qabsoodhaa,goottan akka kalee,
    Barataa fi barsiisaan keenya waliif galee,
    Ummatnis ol ka’ee,goottan moggaa galee,
    Wayyaanee fonqolchuuf,kunootii fincilee,
    Dhaabni diinaa cabee, bututee akka malee,
    Mataa qofaan hafe,caccabsan mogolee,
    Sirni gabroomfataas,dhama’e akka malee,
    Saba walitti buusaara,waan ta’u wallaalee,
    Itti haa fuftu qabsoon,jabaadhaa ammallee,
    Bilisummaa arguun,wanta nurraa hin oollee!!!!!

    Oromummaa tanaaf,biyyarraa,darbamnee,
    Maatii keenya dhiifnee,biyyarraa baqannee,
    Mirgaa fi biyya gannee,godaantota taanee,
    Jalaa dheessuun maalii,biyyaa teenna gatnee,
    Namatu nu gabroomse,bilisaan dhalannee,
    Kaanee,haa falmannu,nama tokko taanee,
    Ofirraa haa kaafnu,hinjirree Wayyaanee!!!!!

    Namuu fayyaa hin qabu,keessaan dhukkubsataa,
    Yaada fi hawwii qabu,wal dhoksaa jiraataa,
    Dhugaa haa dubbannuu,san waaqni jaalataa,
    Sirritt wal haa taanuu,diinni nu sodaataa,
    Karaarraa haa kaafnuu,gufuu nama nyaataa,
    Deebii gaafii kootii,tokkummaan furmaataa,
    Oromummaan dhugaa,yoo san nuuf mul’taa!!!

    Dhaamsa koo dabarsaa,Oromoota maraa,
    Abdii Baalee Oromiyaa,asuma Afrikaa irraa,
    Walitti birmadhaa,sabni wal gargaaraa,
    Mataa diinaa dhahaa,gadhee morma muraa,
    Gabroomsaa kuffisuuf,wal wajjiin hiriiraa,
    Hanga yeroo biraatti nagaan naaf turaa!!!!

    Gadaan Oromootaa,Gadaa BILISUMMAA,
    Akkanatti hin hafnu,galmi WALABUMMAA,
    Itti fufti qabsoon,hanga BIRMADUMMAA,
    Inuma arganna,mirga abbaa Biyyummaa,
    Hundaa bira gahuuf,furmaanni TOKKUMMAA,
    Walitti birmadhaa,gabroomfataa falmaa!!!!!!!!!

    Abdii Baalee Oromiyaa-ABO
    Bitootessa,12,2015

Leave a reply to AbdiiBaaleeOromiyaa ABO Cancel reply