Guraandhala 26,2015 mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF hogganaa sirna nama nyaataa Wayyaanee Abboy Tsayyeen durfamuu Sochii wallee Warraqsaan goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimmaa qabsiisaniin rifaatuu guddaa keessa seenuun tajajiloota Interneetii, network bilbilaa fi humna ibsaa balleessuun Magaalaan Jimmaa dukkanooftee
jirti.`
Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi jiraattootni Magaalaa Jimmaa dura
iyyuu dukkana dukkana Caalu dukkana garbummaa keessa jirra, tajajjila ibsaa, networkii, bishaan, interneetii fi kkf balleessuun mootummaa
wayyaanee Abbay Tsayyeen durfamuuf furmaata hin ta’u, gaaffii mirga abbaa biyyummaas dhaabuu hin danda’uu , mirga keenya kabachiisuuf kun
furmaata hin ta’uu, abbootiin irree aangoo gadhiisuun nurraa ka’uu qabu, mirgootni namummaa, mirgootni dimookiraasii fi gaaffiin mirga
abbaa biyyummaa kabajamuu qaba jechuun ejjennoo isaanii caalmatti jabeeffachaa jiraachuu ibsame jira.
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Diddaa Barattoota Oromoo Jimmaan Wal Qabatee Mootummaan Wayyaane Ibsaa Fi Network Balleessuun Magaalaan Jimmaa Dukkanoofte |
Yaa raabi attumti nu qarqari