Filannoo Sossobbaa
Abdii Baalee Irraa
Haa gahuu nagaan koo,hunda Oromootaa,
Jaallaan qabsoof dhuman gootowwan goototaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan qabsaa’otaa,
Garaan hin dagannee,yoomuu ni yaadataa,
Rabbii har’aan nu gahetti galata galfataa,
Galanni haa gahuu,rabbii hundaa horataa,
Namoota hagamtuu,Aaammiiiinn jedha laata?
Ajaa’iba rabbii,gochoota Itoophiyaa,
Seerri cabe jedhee,osoo addunyaan iyyaa,
Dimookiraasii jettee,haasofti halkan guyyaa,
Waraanaa fi wareeraan jeeqaa mirga biyyaa,
Nagaan alatti,Dimookiraasiin dhugaa akkamitti tayaa???
Namni Oromummaa qabdu,ilmi Oromiyaa,
Irraa of qusadhaa,gochoota Itoophiyaa,
Harka keessaa fudhaa,gochaan keessaa bayaa,
Tokkummaa jabeessaa,irratti haasayaa,
Gaafas,gaafiin Kenya,galma isaa gayaa
Filannoon sossobaa,sun jarumaaf tayaa,
Diina biyyaa baasuuf,hundinuu qabsaayaa,
Qawwee itti bitadhaa,diina mataa dhayaa!!!
Biyyarraa baqachuun deebii maalii tayaa,
Lammii koo,Oromoo,bakkayyuu wal tayaa,
Dammaqaa dammaqsaa,warri bahaa fi dhiyaa,
Falmaa Itoophiyummaa,fuulduratti bayaa,
Ilmaan Oromootiif,BILISUMMAAn fayyaa,
Kanaaf,sanyii Seemii nurraa kaasuu wayyaa,
Diina mataa dhahuuf,hundinuu qophaayaa,
Deebiin kana hundaa,qawween mirkanaayaa,
Gaaf san,BILISUMMAAn keenyas nutti mi’aayaa!!!
Qareessaa fi qareettiin ilmaan Oromootii,
Biyyarraa baqannee,biyya alagaatittii,
Rakkoo dhaan dhaanamaa,jiraachuun maal buuftii,
Maal maalitti,dhiifne,harmee haadha mootii,
Kan falmaa ishii dhuman leenconni abbootii,
Nuti hoo maaf dagannee,nurraa ooltii duutii,
Moo filannoo sanaan Wayyaaneen nuuf naatii,
Jettanii,teettan moo,yaa foon dhiiga kootii,
Ka’aa yaa lammii koo,gowwaa hin eeginaatii!!!
Qabsoo itti fufaan,Bilisummaan dhuftii,
Qabsaayuu qabaanna,hanga dhumaatittii,
Yoo duunee dhumnellee,seenaan nu yaadattii,
Hanga hundi dhumee,nam-tokko hafutti,
Jabaadhaa socho’aa qabsoon itti fuftii,
Lolu qabna dhiiroo,lama hin jirtu duutii!!!
Amajjii 25,2015,
Barri 2015,bara Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa nuuf haa ta’uu!!!
Yaa Rabbi nu walaboomsi,nu birmadoomsi!!!
ABO
Aartiin ogummaa dha,artistiin ogeessaa,
Artistii sanatuu,hojiidhaan of ibsaa,
Artistii jechuunis,baay’ee dha gosti isaa,
Kan ogummaa harkaa,isa fakkii kaasaa,
Kan sagaleen himaa,warroota wallisaa,
Kan qalamaan himu yookaanii barreessaa,
Kanneentu hojjatee,seenaa ifatti baasaa,
Kanaafuu,yaa sabaa artistii jabeessaa!!!
Ani waa isin gaafadhaa,mee na dhageessanii,
Artistoonni Oromoo,mee maal balleessanii,
Maaf maqaa dharaatiin,kophatti baafamanii,
Maaf harmee Oromiyaa,irraa baqatanii,
Maaf ABO jechuun kophatti yaamamanii,
ABO’n jedhan sunuu,Silaa eenyu innii,
Deebii naaf deebisaa,maaf callistan sabnii!!!
Waa’ee ABO dhaa,mee na caqastanii,
Yoo ABO,isiniin jedhan,sila eenyu innii,
Miseensonni ABO haqaaf falmatanii,
Mirga sabaa eeguuf,bosonatti galanii,
Oromiyaa falmuuf,diinaan wal dhabanii,
Anuu ABO dhaa,mee maal naan jettanii,
ABO’n Oromoo,qaama keenya innii,
Ofirraa hin dhiibinaa,ofitti qabaa sabnii,
Qabsoon itti fufaa,haa dhalu dhaloonnii!!!!
Badii tokkoo,hin qabu,ABO’n Oromoo,
Akka gantootaatti,adda hin diigne qomoo,
Miseensonni Isaa,jaallan akka Maammoo,
Akka Taaddee Birruu fi Abdullaahii Ganamoo,
Akka Aliyyii Cirrii fi akka Huseen Darmoo,
Akka Waaqoo Guutuu,diinatti Maru goomoo,
Mataa diinaa dhahuun,kan naasisan huummoo,
Nutis irraa dhaallee,haa hojjannu ammoo!!!!!!!!
Galmi ABO dhaa,karaa irra jiraa,
Isa sodaa jecha,alagaan tirtiraa,
Laaffatee,hin jiru,hojisaatti jiraa,
Garuu,galma sana hojitti jijjiiraa,
Warra garaaf jecha,Oromoo gurguraa,
Warri icciitii sabaa,alagaatti hiraa,
Warra bu’aa yeroof,alagaaf hiriiraa,
Sun Oromoo mitii,of keessaa wixiraa!!!
Saba koo,ol ka’aa,wal moggaa hiriiraa,
Roorroo gabroomfataa,ofirraa micciiraa,
ABO jechuunis,goota alagaa ciraa,
WBO wajjiin ta’e,goota rakkoo furaa,
Sanumaaf,alagaan hinaafa waa maraa,
Kanaafuu,ABO’n Oromootaa maraa!!!
Oromoo nu hin miidhu,kan diinni odeessaa,
Waan feetes raawwatu gocha suukkaneessaa,
Qabsaayota sabaa,kan dur caalaa kaasaa,
Lugnatti onnee kennee,goota jajjabeessaa,
Kanaafuu,yaa lammii,WBO nuuf jabeessaa,
Jaldeeyyii Habashaa,Oromiyaa yaasaa!!!
Gadaan Oromootaa,gadaa Bilisummaa,
Dhalli Oromoo Hundi,Oromoof quuqamaa,
Bakkuma jirtanitti,jabeessaa Tokkummaa,
Hanga mirkaneeffanutti mirga abbaa-biyyummaa
Itti fufna,yoomuu gaafii WALABUMMAA,
Qeerroo fi qeerrittiin bakkayyuu gamtoomaa,
Hamma dandeettaniin,qabsootti wal waamaa!!!
Gaaddisni Oromoo,Addi Bilisummaa,
Diinasaa unkura,irraa hin cinne falmaa,
Sabaan jaalatama,Booran-Baarentumaa,
Onneen Oromootaa,ABO’n beekkamaa,
Dhalli Oromoo Hundi,Oromoof quuqamaa,
Kallachi Oromoo gootni Bilisummaa,
Dhaaba biraa mitii,ABO yoomumaa!!!!!!!!
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO
Amajjii 29,2015
Yaa rabbi diina nurraa kaasii,
Hunda Oromootaa birmadoomsii,
Baqattummaa nurraa hambisii,
Abbaa Oromiyaa bal’oo nu taasisii!!!
Guddaa galatoomaaaa
Aanaa leeqaa dullachaa keessatti barataa kutaa 10ffaa Amsaaluu Biraanuu humnoota Agaaziitiin wareegameera.
godiina wallagga bahaa aanaa Jimmaa Arjoo bakka gomboo ,Abdataa fi Waayyuu Warqee jedhamutti humnootni qeerroo Waajjira gandaa gubaniiru.
Aanaa Waamaa Agaloo keessatti immoo daandii cufuun mormii isaanii itti fufaniiru.
Akkasumas Aanaa Nuunnuu qumbaa keessaa namootni hidhaman:- 1ffaa Warquu Guutamaa 2ffaa Abdiisaa Guutamaa 3ffaa Ittafaa Olaanaa mana hidhaatti darbatamaniiru.
Aanaa EEbantuu keessaa B/saa Baqqalaa Dhugumaatti hidhaan ji’a sadii jeequmsa kaachiste jechuun mana sirreessaa Naqamteetti dabarsaniiru. Guyyaa gaafa 27/02/2016 eegalee gara Aanaa giddaa fi daandii sana irraa konkolaataan hunduu akka hin deemne dhorkamee jira.
Magaalaa Naqamtee naannoo Boordii jedhamutti humnootni Agaazii lama qeerroo naqamteen ajjeefamaniiru.
Guyyaa gaafa 25/02/2016 Poolisii Alamuu Biiftuu kan jedhamuun Aanaa Haroo Limmuu Magaalaa haroo keessatti Saamu’el Abbashuu Ayyaanaa ajjeefameera
G/H /G/W/Aanaa Jartee naannoo AKKAYYUU jedhamuuttii humnoonii addaan ijaaramaan sababaa GARGAARSAA dhabbuun addaan faca’aanii namootaa 32kan turaan gara namootaa 8ttii galaniiru(addaan facaa’aniiru) Humnoonii kun iddoo 5ttii kan ijaaramaan keessaa sababaa gargaarsaa dhabuuttiin iddoon 1(tokko) diigamaniiru.
IBSA gaha yoo barbaadaan lakkoofsaa bilbiilaa fudhataanii mirkaaneefachuu ni dandeessu.
Akkasumaas humnoonii addaa naannoo:-
Bakkoo,Sibuu siree,Nuunnuu Quunbaa keessaattii ijaaramaanii jiraan sababiin kun akka hin mudanee cimsiinee isiin gaafaana
Injiifanoon uummataa OROMOOF