qeerroo-edit

Deggarsa Ijaaramuu Qeerroo Idil-Aduunyaa

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa

Finfinnee

Jarmayaan “Dhaabbata Deggersa Qeerroo Idil-aduunyaa- International Qeerroo (Youth) Support Group dhabbatuu isaa fi seeraan galmaawee akka socho’u beeksisa bahe yeroo arginu gammachuu guddan nutti dhagahame.

Akeeka eebbifamaa jarmyaa kanaa Oromootni  biyya alaa fi keessaa akka cinaa dhaabbatanii fi irratti gargaartan waamicha keenya isiniif dabarsina.

Ummanni Oromoo miga dhalanamaa fi saba cunqurfamaa Oromoof jecha deggersa dandeessan kannaa jirtan martuu waliin hojjatnee waliin rakkina akka sabatti qabnu keessaa akka baanu waamicha keenya.
Dargaggoonni Oromoo fi Ilmaan Oromoo jarmyaa akeeka eebbifamaa Deeggarsa Qeerroo Idil-addunyaa gadi dhaabdan hojii irratti milkii cululuqaa waliif hawwina. Qeeroon akeeka keessan milkaawuuf waan irraa eegamu hunda akka raawwatu gamanumaa mirkaneessina.

Injifatnoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa dha!
Qeerroo Bilisummaa

Finfinnee

Amajjii 01,2015

PDF:- Deggersa Ijaaramuu Qeerroo Idil Aduunyaa

1 thought on “

  1. i am proud of you qeerroo bilisummaa you guys are doing a fantastic job to those wayyne killers who’s is killing the oromo people in silent killers one day we will stop this killer by god wiling and by our unity

Leave a reply to ejerso Cancel reply