Dabballoonni OPDO sadarkaa adda addaa irra jiran, bakkoota garaagaraatti miidhama uummata Oromoo irra gahuu fi yeroo gara yerootti hammaataa deeme dabballoonni mormuu eegalanii jiru. Akka odeessi nu qaqqabe addeessutti, godina Sh/Lixaa magaalaa Amboo keessatti qondaaltota OPDO kan tahan;-
- Obb. Balaay Kumalaa, Afa-Yaa’ii mana maree magaalaa Amboo
- Obb. Guddataa Dinquu, hoogganaa Waajira Haqaa godina Sh/Lixaa
- Obb. Dachaasaa, hooggana poolisa magaalaa Amboo kanneen jedhaman miidhamni uummata Oromoo addatti barattoota irratti gaggeeffamaa jiru gonkuma akka sirrii hin ta’iin wal gahii dabballoota Wayyaanee garaa garaa irratti jabeessanii mormii isaanii dhageessisan illee, mormiin isaanii kun lukkeewwan Wayyaanee biratti kan fudhatama dhabuu irra darbee, uummata kan nutti kakaasu isinii, dhaaba siyaasaa kan akka ABO waliin hidhata qabdu jechuun akeekkachiisni jabaan qondaaltota federaalaa irraa itti kennamaa jiraachuu odeessi nu qaqqabe addeessa. Oduma dabalataaniis daldaltoonni wal gahii adda addaa irratti miidhama uummata Oromoo irra gahaa jiru morman doorsisni irra qaqqabaa jiraachuu dhagahameera. Daldaltoota kanneen keessaas;-
- Obb. Kaasayee Qaqqabaa, dursa hojjetaa bulchiinsa godina Sh/Lixaa keessa hojjechaa kan turee fi gochaa OPDO nuffuun keessaa bahee daldalaa kan tahe,
- Obbo. Dhaabaa Gabbisaa, daldalaa magaalaa Amboo kanneen jedhaman uummanni maaliif ajjeeffama? Maaliif seeraan ala hidhama? fi guutumatti gochaa uummata irratti qaqqabaa jiru wal gahii lukkeewwan Wayyaanee murna hawaasa daldaltootaa walitti qabdee gaggeessitu irratti mormii isaanii dhageesisiisan illee mormii isaanii bu’aa dhorkachuu fi maqaa shororkeessummaa itti maxxansuun jireenya isaanii irratti doorsifnii fi hordoffiin gaggeeffamaa jiraachuu odeessi nu gahe addeessa.
kuni wan nama gaMACHISA isan qondaltoni opdo ille diraqama kessan bahu qabadan akanumati itti fufa lammi keysanif yada ywayanne wajji umata midhu dhisaa