Qondaalota Wayyaanee Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammiin Dahatanii Yuuniversiti Mattuutti Eergaman Irratti Diddaan Cimaa Barattoota Oromoon Irratti Ka’een Arihamanii Mooraa Gadhiisan.

diddaa9Muddee 9,2014 Mootummaan Wayyaanee EPRDF olola burjaajii maqaa ayyaana Sabaa fi sab-lammoota kabajna jechaa jiru irratti  gootootni  Qeerroo Oromoo dhabbilee barnoota ol aanoo fi uummatni  mormii guddaan dura dhaabbachuun Wayyaanee Abbaa irree haala yaaddeessaa keessa buusan!!

 Muddee 7/2014 Goototni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu olola Wayyaaneen maqaa ayyaana sabaa fi sablammoota bifa dhoksaa ta’een galgala aduu dhihaan mooraa Yuunibarsiitii Mattuu galma keessatti kabajuuf yaalii akkuma gochaa jirtuun dabbaallootni Wayyaanee akkuma galma keessatti walitti qabamteen goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhagaan galma ololtootni Wayyaanee keessatti walitti qabamte reebuun mooraa keessa arii’uun sagantaan ololaa Wayyaanee fashale.  Biyya mirgi uummata fi lammiilee biyyatti keessatti sarbama jiru, biyyaa dhiigni uummata Oromoo irratti lola’aa jiru keessatti mirga uummataa kabachifne jechuun tuffii uummata biyyattiif Wayyaaneen qawweetti amanu qabudha, kafaafuu olola sobaa dibbee sobaa Wayyaaneen reebdu dhaabbatne dhaggeffachuu hin qabnu jechuun sagantaa Wayyaanee ifatti fashaleessan. Uummatni magaalaa Mattuu tarkaanfii goototni barattootni Oromoo fudhatan kana kan deeggaranii fi hedduu itti gammaduun kan cina dhaabbatan ta’uu ibsatan.

1 thought on “Qondaalota Wayyaanee Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammiin Dahatanii Yuuniversiti Mattuutti Eergaman Irratti Diddaan Cimaa Barattoota Oromoon Irratti Ka’een Arihamanii Mooraa Gadhiisan.

  1. Oromooni.si.jaalatu.si.hin.filtu.oromoni.kan.jaalatu.
    ABO.ofi.egi.sin.jedha.
    Mali.feta.oromoo.adani.diguu.fetaa.
    Amalee.ati.nu.dhisu.didee.mi.
    Dhigaa.oromoo.lolaste.
    Qabsayani.kufusi.qabsoni.itti.fufa!

Leave a reply to jamila.husen Cancel reply