Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa haal duree qophii FDG bilisummaa Ummataa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa kabachiisuuf gaggeeffamu jabeessuuf qophii dursaa eegalan.‏

 Sadaasa 22/2014 Qeerroon  Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa qophii Waarii Artii barattoota haaraawaa bara kana gara Yuunibarsiitii Jimmaa seenaniif  mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa  mooraa Saayinsii fi Tekinoolojii keessatti Qopheessuun  barattoota Oromoof wa’ee eenyummaa, Oromumummaa, Sabboonummaa fi Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti barnoota bal’aa fi haalan aja’ibsiisa ta’e dabarsan.

Goototni Qeerroon barattootni Oromoo  qophii kana irratti walaloo fi wallee warraqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan, Gootota Oromoo warraa bilisummaa uummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf yeroo garaagaraatti bakka garaagaratti wareegaman  maqaa isaanii waamuun leellifatani qabsoo wareegamaan as ga’ee, Imaanaa gootota keenyaa galmaan ni geenya jechuun waadaa isaanii harmsan. Qeerroon bilisummaa Oromoo ademsa sochii warraqsaa fi haal duree FDG tiif walaloo fi walleeleen warraqsaa Qeerroon goototni  barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Wallaggaa itti jiran  barnoota guddaa uummata Oromoof dabarsaa kan jiruu fi adeemsa qophii FDG ta’uu uummata Oromoo hundaaf dhaamsa dabarsa.  Guutummaa walaloo fi walleelee warraqaasaa kallattiin waltajjii irraa dargaggootaa fi barattoota Oromoo fi barsiisotni Oromoo fi hojjettootni ilmaan Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa  kumootaan lakka’aman kan qooda irraa fudhatan.

1 thought on “Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa haal duree qophii FDG bilisummaa Ummataa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa kabachiisuuf gaggeeffamu jabeessuuf qophii dursaa eegalan.‏

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa haal duree qophii FDG bilisummaa Ummataa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa kabachiisuuf gaggeeffamu jabeessuuf qophii dursaa eegalan |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s