Sadaasi 9,2014 Guyyaan Yaadannoo FDG Sadaasa 9 Marsaan 9ffaa Godinaalee Dhiha Oromiyaa Garaagaraa Keessatti Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

fdg222

Yaadatnoo FDG Sadaasa 9

Godina lixa Shaggar aanota garaagaraa fi dhabbilee barnoota keessatti bifa haala miidhagaa ta’een Sadaasni 9 guyyaan yaadannoo FDG marsaan 9ffaa kabajamee jira. Guyyaa kaleessaa Sadaasa 9/2014 goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo yaadannoo FDG  marsaa 9ffaa kabajamaa jiru sababeeffachuun walga’ii guddaa gaggeeffatan milkiin  xummuratan .

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiifachuun suuraawwaan gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo warraaqsa FDG irratti warreegaman waliif raabsuun, seenaa gootota ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegamani waliif dubbisuun itti fufinsa FDG fi kayyoo gototni Oromoo irratti wareegamaa jiran galmaan ga’uun bara mootummaa abbaa irree wayyaaneetti xummura gochuu qabna jechuun marii bal’aa haala FDG fulduratti finiinsuuf jiran haalan qindeeffachaa fi qophii dursa  barbaachisu  irratti yaada waliif kaasuun akeeka abdachiisa ta’e lafa kawwachuun walga’ii isanii milkiin xummuratan. Kana malees guyyaa kaleessa haala Sadaasni 9, guyyaan yaadannoo FDG marsaa 9ffaan Uummata Oromoo Ambootiin bifa adda ta’een kabajame, uummatni cufti bakka jiru hundatti guyyaa kana yeroo yaadatu hojii dhaabuun walitti dhufuun marii garaagaraa qabsoo FDG fulduraaf taasisuun kabajachuu gabaasan nu qaqqaba jiru ni addeessa.

Barruuleen warraqsaa fi dhaadannoo qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegaman faarsuu bakka hundatti bittinneeffamuu fi uummataaf raabsamuun kabajame. Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF sochii jiru irraa rifatuu guddaa keessa galuun human waraanaa guddaa bobbaasuun Magaalaan Amboo fi yuunibarsiitiin Amboo waraanaan eegamaa jirti.

Godinuma kana aanota kanneen akka Amboo, Gudar,Midaa Qanyii,Xiiqur Incinnii,  Calliyaa Geedoo, Ijaajjii, Jalduu, Gindabarat, Gincii, Meettaa Roobii, fi Adaa’aa Bargaatti sadaasni 9 guyyaan yaadannoo FDG marsaa 9ffaan haala ajaa’ibaan kabajame,goototni barattootni manneen barnootaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina, fi barattootni m/b Carii Amboo sadarkaa 1ffaa  sadaasa 9, guyyaayaadannoo FDG marsaa 9ffaa barnoota dhaabuun qabsoo bilisummaa Oromoo irratti marii bal’aa gochuun  haalan kabajatan.

Leave a comment