Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
- Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme
- Click to share on X (Opens in new window) X
- Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook
- Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube
- Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video
- Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo
- Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp
- Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email
- Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa
- Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org
- Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress
Nutti haa hafuu!!!
Akkam nagaa jirtuu,,ilmaan Oromiyaa,
Bakka jirtan maraa,magaalaa fi baadiyaa,
Baga nagaa taatanii,naaf turtani fayyaa,
Dhaloonni Qubeedhaa,isin dhaalaan biyyaa,
Warri diinaan mormu,ilmaan,ilmaan biyyaa,
Nutti haa hafu diinni,waluma nuuf wayyaa!!!
Gaafiin warri alaa Jawaariin gaafate,
Waan heddu buqqiftee,waan jabaa ol kaafte,
Dhimmi gaafichaatis Oromummaa taate,
Akkuma gaafatanitti deebiin inni laate,
Hawwii Oromootiif deebii quubsaa taatee,
I am Oromo first’n Oromummaan baate!!!
Akkam,akkas jedhaan Jawaaritti kaatee,
Saroonni Habashaa,Leenca keenyatti duttee,
Sabboontoota keenya heddu lafaa kaastee,
Jawaar,leenci Oromoo hiriyyaa argatee,
Sabboonaa Abdii Fixee moggaa isaa dhaabbatee,
Anis jira jedhe,Jawaar qofaa seetee,
Waraabeyyiin kaabaa,akkasitti naatee,
Biyya keessaa fi alaa Oromoon wal taatee,
Balballi Oromiyaa fi Oromoo banamtee,
Gaafiin Oromootaa garayyuu jabaatee,
Leenci Oromoo aadee,bakkayyuu dubbatee!!!
Wal dhabbiin saba koo rakkoo tokkoo hin fiduu,
Jabaadhaa hundinuu,fuulduratti yaaduu,
Gabroomsaa buqqisuuf,furmaata barbaaduu,
Jibbaa baqattummaan homaa nu hin fayyaduu,
Oromiyaa teenyaaf,lolu qabna hunduu,
Irratti du’uu qabnaa;seenaan nuun hin gadduu,
Rakkoowwan uumaman waliif obsuu qabduu!!!
Yoomuu kophaa hin ta’u namni haqaaf falmate,
Rabbitu gargaara,yoo namnis waakkate,
Warri waanjoon diinaa,sammutti ba’aa taate,
Warri Oromummaan jibbaan sammuu baate,
Gantoonni Oromoos hedduu waa hubate,
Heddutu as dacha’e warri dur fagaate,
Tokkummaan Oromoo garayyuu jabaate,
Bineeyyii Habashaa garaan guggubate,
Akka kanaan kunoo OMN dhaabbate,
Maalummaa Oromoo addunyaan hubate,
Warroonni Itoophiyummaan dur nurraa dhoksite,
Hayyoonni Oromoo,heddutu dudubate,
Seenaan barreeffame,Tokkummaan daraarte,
Tokkummaa jabeessi,namni Oromoo taate,
Keessaayyuu;Oromoon diinaan biyyaa baate,
Nutti haa hafu diinni,waan feetes yoo taate!!!
Onkololeessa 02,2014,
Abdii Baalee Oromiyaa
Jabaadhu Barsiisaa!!!
Akkam yaa lammii koo,magaalaa fi baadiyaa,
Xiqqaa fi guddaan keessan,akkam jirtan fayyaa,
Sanyiin ilmaan bobboontuu,ilmaan Oromiyaa,
Warri diinni dhiibee,baanes biyyaaf biyyaa,
Baga nagaa naaf taatan,anilleen nagayaa,
Cunqursaa lammii koof,garaan na boorayaa,
Niin obsaa,ni obsaan,garuu,maal naaf tayaa,
Roorroo fi jibba diinaa,gurri koo,dhagayaa,
Hedduu na hooqsisaa,yoom madaa san fayyaa!!!!
Ati obboleessi koo,qaamni waa baratee,
Ati obboleettiin koos,isheen waa agartee,
Mee of gaafadhu kaa,eenyummaa kee bartee;
Eenyuuf hojjataartaa,eenyuu dhaaf barattee,
Sochoosii lammii koo,waan hedduu hubattee,
Cunqursaan alagaa,maal sitti fakkaattee,
Lammii keessa hin taa’in,afaan ukkaamsattee!!!
Yaa ergamaa diinaa,eessaan gad dhuftee,
Atumti eenyuu dhaa,eenyurraa dhalattee,
Kan foon lammii keetii,alagaa dhaaf murtee,
Diina wajjiin fiigdu,lammii kee baqattee,
Eenyu siin jennaa mee,eenyummaa kee bartee,
Seera uumaa diigdee,dhugaan dugda galtee,
Dhugaatti doqnoomuu,aadaa fi heera gootee,
Dhugaa ukkaamsaartu,du’a hin duune duutee,
Amma hoo maal jettaa,dhaamsa koo si geettee???
Akkam yaa qomoo koo,hidda qaama keessaa,
Anilleen nagaa,nagaan kan uumaasaa,
Abjuun quufa arga,yaadatu na raasaa,
Madaa lammii kootiif,gad qabee hasaasaa,
Yaaddawee,dhiphadhee,qilleensa ol baasaa!!!
Jabaadhu,hayyuu koo,abbaa seenaa kuusaa,
Dhaamsi kee gaarii dhaa,qeerransa harqaasaa,
Hayyuuf tumsa ta’ee,wallaalaa warraaqsaa,
Beekaa dallansiisee,gowwaa lafaa kaasaa,
Seenaa dabre kaasee,nama of yaadachiisaa,
Foon,foon irraa cite,namummatti deebisaa;
Sirraa fagaadhullee,yaadaan si jabeessaa,
Roorroo diinaa jalaa,hayyuu tu na baasaa,
Ammallee hojjadhuu,si lammiif ogeessaa!!!
Onkololeessa 31,2014

Onkololeessa 312014,
Abdii Baalee Oromiyaa