ONKOLOOLESSA 26/2014 “IRREECHA MALKA BOOYYEE”
Ayyaanni irreechaa godina Jimmaa malkaa Booyyetti haala akkaan hoo’aa ta’een kabajamee oolee jira.Irreecha birraas ta’ee kan Arfaasaa biyya keessattii fi biyyoota alaattis waggaa waggaan akka irreeffatamu eenyu illee waan haaluu hin dandeenyedha. Haaluma kanaan ummanni oromoo magaalaa Jimmaa,naannawa ishii,akkasumas barattoonni oromoo yunivarsiitii Jimmaa kaampaasota garagaraa fi barattoonni kolleejjii barsiisota Jimmaa walitti dhufuun ayyaanicha jalabultii irraa jalqabuun bifa nama boonsuun kabajuu danda’anii jiru.Qeerroon yunivarsiitii Jimmaa fi kolleejjii barsiisota Jimmaa jiraattota magaalaa fi naannawa ishee waliin ta’uun jalabultii irreechaa dug-duuba kolleejjii barsiisota jimmaa malkaa doodee irratti bifa miidhagaa ta’een kabajanii jiru jedha gabaasni Qeerroo godina Jimmaa. Qeerroo fi sabboontonni oromoo kan yoomiyyuu diinaf gadi hin jenne sirboota fi waallewwan warraaqsan jibbaa fi tuffii diina isaanif qaban itti mul’isuun wayyaane fi ergamtoota wayyaanee daran rifaasisanii jiru.Qeerroo fi sabboontonni oromoo waalleewwan warraaqsaa akka armaan gadii kanatti kaasuun ijjannoo isaanii diinaf mul’isan:
1.Taaddee Birruu leenca boombin dadhabe har’a saaxiniin gadi qabe.
2.Yaa oromoo oromoo qulqulluu qonnee nyaannaa lafa hin gurgurru. 3.Boolloo xaddee Taaddasaa koo hin badde biyyoon galabaa miti wal-irraa hin xaragani.As irratti wanti hubatamuu qabu akka fakkeenyatti maqaan taaddasaa ka’e malee maqaan gootota oromoo osoo falmaa bilisummaa gaggeessanuu lubbuun isaanii wareegamte hedduun kaafamanii jiru.
Pingback: Irreecha 2014: The Oromo National And Cultural Holiday, Oromians in Millions Celebrated the Blessing Festival in Oromia and all over the Globe | OromianEconomist
Pingback: Irreecha 2014: The Oromo Thanksgiving National And Cultural Holiday Season | OromianEconomist