Barsiisoti Oromoo Dirqamaan Walgahii Wayyaanee Irraatti Akka Hirmaatan Ta’an Diddaa Sirna EPRDF Irratti Ibsa Ejjetnoo Fudhatan.

DIDDAA 2Haala Yeroo biyyattiin Keessa jirtuu fi Kasaaraa siyaasaa Mootummaa EPRDF mudatee jiru irratti Ibsa barsiisota Oromoo dhaabbilee bararnoota Olaanoo Yuunibarsiitota garaagaraa irratti maqaa walga’ii tarsiimoo Siyaasaa jechuun wayyaaneen walitti qabde irraa kenname.

  1. Sirni TPLF/EPRDF bulchiinsa Dimookiraasii Warraqaan kakatuu fi sirna Federaalizimii daheeffachuun yakka raawwatuun Impaayera Itophiyaa waggoota 23 oliif bitaa jiru, ummata guddaa biyyatti keessatti argamuu uummata Oromoo irratti yakka dugugginsa sanyii rawwaachaa as gahe. Sabaaf sablamoota biyyatti tapha siyaasaan ala godhee qoddanna angoo ala taasisuun fallaa federaliizimii fi dimookiraasii dhaabbatee, mirgoota siyaasaa, namummaa, amantaa, walgahuu, ijaaramuu fi kkf ugguraa fi dhiitaa jira. Ibsa Barsiisota walgahii Wayyaanee irra turanii

1 thought on “Barsiisoti Oromoo Dirqamaan Walgahii Wayyaanee Irraatti Akka Hirmaatan Ta’an Diddaa Sirna EPRDF Irratti Ibsa Ejjetnoo Fudhatan.

  1. Barsiistoni oromo Carrara kanatti fayyadamanii mirga ofii ufiin gafaachun dirqama. Osoo oromoon beekaan jiruu mootummaan TPLF Habashaa tayita yuniversitoota keessatti qabsiisa jira. Oromoonni amma graduate godhan akka higher educationti hinqacaramne shira xaxaa jira. Dadhabdoonni Habashaa kun maqaa adda addaan midamanii oromoota (barsisaa ta’e barataa gadii qabuuf halkanii guyyaa waan hojettaniif TPLF mudama sobaa ykn maqaa hojiin ykn umuriidhaan ykn oromoota Ija laaffisee isaan keessa itti haamakaman jedhee sobaan idoo tayita mijeesaaafi oromoota moo hamilee xuquun hojiitti akka hincimne gochaa jirti. Barsiisonni oromo kana beekanii falmii mirgaaf dhugaaf qabsaa’ani mirga isaanii kabachiisuun itti hinulfaatu.

    Nagaan turaa

Leave a reply to Danuu Cancel reply