Fulbaana 4,2014 Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Gara Garaa Haasaa Muktaar Kadir(OPDO) TV Irratti Taasise Dubbii Dharaa fi Kan Ummata Oromoo Ilaallatu Miti Jechuun Sagalee Dadhatnoo Warraaqsaan Diddaa Kaasan

Fulbaana 4,2014 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

diddaa9Ergamaan Wayyaanee Muktaar Kadir ilmaan Oromoo ajjeesisaa, hiisisaa, barnoota irraa ariisisaa, qe’ee fi qabeenyaa irra buqqisiisa, mirgoota nomummaa fi dimookiraasii sarbisiisa  turee fi Oromiyaan akka waraanaan eegamtuu gochaa kan jiru Muktar Kadir guyyaa har’a foodda TVtti ba’uun olola garbummaa tamsaasuu yeroo egalu itti,goototni barattootni Oromoo sagaalee guddaadhaan dheekamuun itti iyyuun Muktaar Oromiyaa bakka bu’uu hin danda’uu jechuun waa’ee Muktaarii fi Mootummaa naannoo Oromiyaa yaada armaan gadii kaasuun mooraa keessa naannawuun sagalee  dheekkamsaa fi mormii barattootni Muktaar irratti dhageesisan:

  1. Muktaar Kadir filannoo uummataa fi fedhii uummataa Oromoo fi fedhii keenya malee fedhii wayyaanee fi abdii qawweetiin aangoo mootummaa naannoo Oromiyaa qabate gadhiisuu qaba.
  2. Master Pilaaniin Finfinnee gutummaatti haqamuu qaba.
  3. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebi’uu qaba.
  4. Yakka Ajjeechaa jumlaa, hidhaa jumlaa, barnoota irraa arii’amuu fi reebichaa fi Oromiyaan akka waraanaan shororkeeffamtu waan godheef seeraatti dhiyaachuu qaba.
  5. Muktaar Kadir ergaamaan wayyaanee addatti dugugginsa sanyii uummata Oromoo irraatti gaggeeffamaa jiruuf gaafatamuu qaba.
  6. Muktaar Kadir uummataa Oromoo bakka bu’uu hin danda’u.
  7. Lallabaa ergamaan Muktaar Kadir karaa foddaa TV online (plasma) dabarsaa jiruu nuti hin fudhannu, namni kun ofiifuu gorsaa fi qajeelcha isa barbaachisa.
  8. Ergaamaan Wayyaanee kunii fi mataan mootummaa Wayyaanee gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf  deebii ajjeechaa, hidhaa, reebicha, barnoota irra arii’uu, humna waraanaan uummata goola jiraniif seeraatti dhiyaachuun itti gaafatmuu qabu. Tarkaanfiin abbootiin irree EPRDF fudhachaa jiran FDG ittumaa ni finiinsa malee dhaabuu hin danda’u.
  9. Walumaa galattii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba hanga bilisummaa keenya mirkaaneeffanutti warraaqsi FDG jabaatee itti fufa, jechuun barruulee warraqsaa garaagaraa bittineessuun lallaba garbummaa balaaleffatan jedha gabaasni madden keenyaa Oromiyaa Yuunibarsiitii Wallaggaa Naqemtee, Yunibarsiitii Mattuu, Yuunibarsitii Amboo, Yuunibarsiitii Harammayyaa,Maddaa Walaabuu, Dirree Dawaa ,Bulee Horaa, Adaamaa irra amma nu qaqqaba jiruu addeessera.

4 thoughts on “Fulbaana 4,2014 Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Gara Garaa Haasaa Muktaar Kadir(OPDO) TV Irratti Taasise Dubbii Dharaa fi Kan Ummata Oromoo Ilaallatu Miti Jechuun Sagalee Dadhatnoo Warraaqsaan Diddaa Kaasan

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Gara Garaa Haasaa Muktaar Kadir (OPDO) TV Irratti Taasise Dubbii Dharaa fi Kan Ummata Oromoo Ilaallatu Miti Jechuun Sagalee Dadhatnoo Warraaqsaan Diddaa Kaasan |

  2. *Oromiyaa seentee buddeena Oromoo nyaattee, Ilmaan alagaa jalguusiin wal funaantee, TPLF rooraatuu shiftaadhaan bocamtee, OPDO/DH.D.U.O. jedhamuuf maqaa moggaafamtee, *Haqa haqaaqsuuf kaksamtee fudhattee dirqama, Gaaffiin Oromoo deebii argateera amma, Jettee halaakuuf raawwachuuf hojii ergamummaa, *Gooftaa kee TPLF irraa dirqama fudhattee, Oromoo ukkaamsamee jiru mirgisaa eegameera jettee, Akka afuuffee hafuura kijibaan guutamtee, Isa dhuddhuuftu hin beektu akka harree haaktee, Ganna digdamii sadii lebexxee ololtee, *OPDOn kan jalguusii diqaalaa habashaa, Kan Oromoo seetee jala fiigda faarsaa, Deeb’i sitt ha hafuu bor qullaa si dhaabsaa, OPDOn kan Oromoo miti hin kabajchiisu mirgasaa, *Dhaga’i yaa warra OPDO ergamtuu wayyaanee, TPLF eedha eenyuuf uumame mee? Tigiraayiif ijaaramee lolee bilisoomsee, Maliif dhufe Oromiyaa walaba taasisee? *Haqni haqaaqsamee dhugaan haguugamee, Dhugaan ajjeesamee dhugaan owwaalamee, Hin hafu haqni ni ka’a owwaalli banamee, Dhugaan faraduuf jira dhugaaf dhaadacha banee, *Oromoon ni bilisooma haqni haqaaqsamee hin hafu, Oromiyaan ni walabooma shiftaadhaan saamamee hin dhumu, Kan Oromoo ABO/WBO dha kan Oromiyaa bilisoomsu, OPDOn kan Oromoo miti mirga Oromoo hin kabajchiisu.

Leave a reply to Qersa Dagaa Cancel reply