Yuuniversitiilee Oromiyaa 9 Keessatti Gaaffiilee Barattooti Oromoo Kaasaniif Qondaaloti Wayyaanee Deebii Dhabuun Muddama Seenan.

diddaa9Barattooti Yuuniversitiilee garagaraa 9 irratti walgayii dirqamaa mootummaa Wayyaaneen teessifamaa jiraa.Walgayiin kan eegale Hagayya 21,2014 irraa kaasee yoroo tahu hanga ammaatti sirna qabeessaan barataan kamuu koreewwan dirqama TPLF irraa itti kenname galmaan gahuudhaaf walgayii kana gaggeessaa jiraniif yaadaafi dirqama TPLF irraa itti kenname sirnaan dudhatanii xumurachuun isaanii hin argamne.Mootummaan Wayyaanee waan itti hin yaadne walgahii kana irratti gaaffii mirgaatu itti dhihaata. Kana itti yaadanii qindeeffataniin ala ta’ee gara FDG itti ce’e.

Yuuniveresitoota hunda keessatti jalqabuma irratti gaaffiwwan barattootni kaasanif deebiin hin argamne, dhimma durgoon wal qabatee gaaffii barattootni Yuuniversitii Wallaggaa kaasan deebiin kenname yoo deemtan deemaa galaa,nyataa fi bakka bultii isin dandeenyeerra kaffaltii waan nurraa eegdan hin qabdan jedhanii waan deebisaniif  gaaffii irratti gaaffii itti fufsiisuuf walii galteedhaan Yuuniversiti hunda irratti kan dhiyaatee jiru  Hagayya  25 fi Hagayya 26 akka kanaa gadiitti tarreeffamee jira, dilbata darbee jechuun Hagayya 24 walgayiin hin gaggeeffamne bakka hundaattu.

Gaaffiwwan Dhiyaatan Barattoota Irraa Hagayya 25 fi 26,2014

  1. Mootummaadhumti biyya bulchu kuni hojjetoota isaa kan filatamaniif kanaaf ilaalcha akkamiiti kan qabu akka dhuunfaatti? Hojjetootni baayeen rakkoo uuman jedhee waajjira tokko irraa gara waajjira biraatti dabarsa,murtoo itti hin fudhatu,murtoo fudhachuu irra waajjira itti jijjiira,hojiidhaaf utuu hin muudin dura maaliif xiinxala hin godhuu? Ofitti amanamummaa guututti hin qabuu?
  2. Maqaa Inverstmentiin uumata Oromoo irraa lafti saamame hatattamaan haa deebi’u,yoo deebi’uu baate FDG barattooti kaasan gaaffii haqaati jettanii maaliif hin fudhanne?
  3. Uummanni tokko mirga saba isaatii falmachuu fi haqa nin qaba jedhee yoo dubbate maaliif hidhamaa?
  4. Barattoota Oromoo hidhuu fi uumata Oromoo lafa isaa irraa buqisanii hiyyeessa taasisuun,biyyaa ari’uun yoom dhaabbataa? Kun imaamata mootummaati moo maali ifa nuu ta’uu qaba.
  5. Barattooti Oromoo hidhamanii fi ukkaamfaman yoo hattattamaan hin gadhiifamiin mirga keenya yoo falmanne shororkeessaa nama taasisaa?
  6. Uummanni Oromoo fi saboonni biroo kan jedhan shororkeessaan mootummaa Wayyaaneeti kan waraana isaa araddaa hundatti bobbaasee uumata hidhuu fi ajjeessu jedhu,isin ammo barataa dabtaraa fi qalama qofa of harkaa qabuun shororkeessaa dha jettu,isa kamtu sirrii dhaa?
  7. Lafi maqaa investimentiitiin wal qabatee mootummaan Wayyaanee qabee jiru jira, ykn uummanni keenya irra hin qotatu,itti hin fayadamu maalif qabamee lafa taa’a? uummata keenyaaf kennamee maalif misoomi irratti hin gaggeeffamu yknis mootummaan maaliif lafa akkasi irratti xiyyeffannoo gochuu didee jiraa? Gaaffii Barattootni Oromoo Yuuniversitiilee 9 irratti hagayya 25 fi 26 kae

3 thoughts on “Yuuniversitiilee Oromiyaa 9 Keessatti Gaaffiilee Barattooti Oromoo Kaasaniif Qondaaloti Wayyaanee Deebii Dhabuun Muddama Seenan.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Yuuniversitiilee Oromiyaa 9 Keessatti Gaaffiilee Barattooti Oromoo Kaasaniif Qondaaloti Wayyaanee Deebii Dhabuun Muddama Seenan |

  2. MEE NUTI KHENEEN ALA JIRUU, MAALI UMMATA KHENYA KHANA CUUFUUN? yaa ilmaan OROMOO khaneen biyyaa alaa jiruu, maalummaa rabbi nu goodhee? Ossoo waan biyyaa kheesat deemaa jiruu khana argaa, dhageeyaa jiiruu, hirriirraa hiin oopheesiinuu, facebookiiraat FASCIST TPLF hin balaaleefanuu, HUMAN RIGHT ORGANIZATIONIIRRAT YAAKAA ILMMAN KHEENYAARAAT DEEMAA JIRUU KHANA UPDATE GOODHCHAA HIN JIRRUU. Akkii khun nuraa gaaruummaa? Mee haa khaanu, haa wal yaamnu, haa wal marrianu. Mataa waliti haa qabanu mali ni dhufaa. Joolee teenyaa ibbiidaaf kheeniinee caldhiisuun tuun, qanyii guudoodhaa, haa wal damaqsinuun esiinin ja’a obeeleyaan kiyaa.Yoo nuti harkaa wal qabanee hojjii OROMOO-OROMIYAA falmaanee, aduunyaan akkummaa ammaa duraat nu dhageesii beekhaa. ulfaadha.

Leave a reply to kedirkesim Cancel reply