Odeessa Qeerroo:- Sochiin diddaa gabrummaa Oromiyaa keessaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche;

Hagayyaa 17,2014 Odeessa Qeerroo Bilisummaa

QeerrooSochiin Dargaggoota,Barattoota Oromoo fi waliigalattii uummaatni Oromoo mirga abbaa Biyyummaa isaa kabachiifachuuf abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO irratti gaggeessa jiru daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaata keessa galchee jira.

Sochiin Qeerroo, barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon qabsiifame kana danquuf wayyaaneen shiroota garaagaraa xaxaa kan turete yeroo ta’u uummata walitti qabuun sochii kana ABOtu gaggeessa, balaaleffadhaa jedhee godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa deemuun uummaata humna waraanaatiin walitti qabee hiriira baasuuf yaalii godheen uummaata irraa diddaa guddaan isa mudachuun ni yaadatama. Keessattuu shirri Wayyaanee kun Godinaalee dhiha Oromiyaa keessatti mormii guddaa itti kaase.

Uummaanni Oromoos ergaa gaaffii mirgaa gaaffachuu fi qabeenyaa keenya hin saamiina, dhala keenya dhukaastanii hin ajjeesinaa, mirga keenya nu sarbiina, lafa keenya irraa nu hin buqqisinaa, seeraan ala nu hin hidhiinaa, ijoollee keenya barnoota irraa hin arii’ina, mirga dimookiraasii fi namommaa nu hin sarbiina jechuun ABOdha, shororkeessadha, nama jechisiisa ta’ee ,dhibbaan dhibbatti ABO’n sirrii fi dhugaaf kan nuuf falmu ta’uu hubannee jirra jechuun uummaanni dubbatee Wayyaanee qaaneesse jira.

Haala kanaan Wayyaaneen walga’ii uummataa sadarkaa aanaa fi gandaatti godinaalee dhiha Oromiyaa Godina Lixa Shawaa, Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Godina Bahaa Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa , Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraatti haala walfakkatuun uummanni walga’ii Wayyaanee balaaleffachaa jiras. Jaalalli uummaatni Oromoo ABOf godinoota kana keessatti qabu ammaas ABO jechuun uummata Oromoo jechuudha jechuun. Utuu hin jaalatiin dhugaan qabatamaan lafa jiruu uummaatni hundi akka miseensa fi deeggaraa ABO ta’uu ta’ee jira. Sochiin Qeerroo Oromiyaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche

2 thoughts on “Odeessa Qeerroo:- Sochiin diddaa gabrummaa Oromiyaa keessaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche;

  1. Ilmaan Oromoo qeerroo, dargaggoot, barattoot Uniiversiitii walga’ii murn diina Oromo taate TPLF ergamtuu shee maqaa OPDO jedhu moggaasteefii wajjin nu ajjeesaa dhiiga barattoota keenyaa dhangalaastu dagachiisuuf waamte irratt eeggannoo cimaa akka taasftan dhaammanna. Afaan keessan erbeedhaan hidhadha. Murnich diina dhala akka ta’e waliin itti himuuf mallattoo qopheeffadha. Isin sossobachuudhaaf akka walitt isin guurtu qalbeeffadha. Fuul walii galtee itti hin argisiisnaa. Basaastuu akka sheexanaa isin cina teessee ykn dhaabattee gurra isin hootu qopheeffatteett waan ta’eef kaameeraa ittiin isin adda baafattus qopheeffattett waan ta’eef of hin saaxilina. Garaa hin hirina. Gabrummaa jala akka jirru hin dagatina. Tigiraay erga bilisoomee kan Tigirootaa qofa ta’ee Oromiyaan bilisoomee kan Oromoo qofa akka hin taane maaliif dhorkama kan jedhu yaadaa. Tigiraay bilisoomte kana laftii fi qabeenyi jalaa fi irra lafa Tigiraay Tigiroota jiraachisuu hin danda’u. Ulaagaa biyya bilisa ta’uuf dandeessisu Tigiraay hin guuttu. Kanaaf akka mataa goondaa nu ciniintee nu gad dhiisuu diddi. Biyya ofii irratt diinaan walii galuun gantuu ta’uudha. Haxxummaa fi shira diinni nuun gowwoomsee lafa keenyaa fi qabeenyaa keenya nyaachaa fi guuree baafachaa jiru haddheeffannee qabsaa’uudhaan dhaabsisuu qabna. Empire kun diigamuu qaba. Hundumtuu gara bilisummaa Oromiyaatt.

Leave a reply to Qersa Dagaa Cancel reply