Waraanni humna ittisa biyyaa buusii Wayyaanee dhorkachuun gaaffii dabalinsa miindaa fi mirgaa itti fufan

Hagayya 16,2014 Adaamaa

Fincilli diddaa garbummaa daran jabaachuudhaan kan dhufe Waraana Humna ittisa biyyaa keessattis dhalate. Mootummaan wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf saaminsaa fi buusii garaa garaa dhimma bahaa kan as geesse yeroo ammaa kana wayita qaalainsi jireenyaa olaanaan Uummata Impaayera biyyattii mudachaa jirutti buusii MELES FOUNDATIONdhaa fi Hidha Abbayyaaf gaafatameen Humni ittisa biyyaa guutummaan dhorkatanii jiran. Waraanni Humna ittisa biyyaa yeroo dheeraaf dabalinsa miindaa gaafachaa kan as gahee fi dabalinsa miindaa taasifameenis addatti dhorkamuu isaaniitiinis gaaffii mirgaa itti fufanii jiran. Yeroo ammaa kanatti Waraanni mootummaa wayyaanee haala olaanaan burkutaauu fi hunduu abdii kutuu keessa beektotni saaxilanii jiran.

1 thought on “Waraanni humna ittisa biyyaa buusii Wayyaanee dhorkachuun gaaffii dabalinsa miindaa fi mirgaa itti fufan

Leave a reply to Kiya waqo Cancel reply