SEENAA Y.G(2005) | Waxabajjii 25, 2014
WBOn gaachana Ummata Oromooti !! wayita jennu, WBOn Ummata Oromoo irraa diina kan qolatu ykn ittisu ta’uuf dhaadachuu qofaa odoo hin taanee, akka itti boonnu fi abdii irraa qabnu ibsaa jirra jechuudha. Haala har’a keessa jirru irraa kaanee garuu dhaadannoo kana gama lamaan ilaaluun fardiidha. WBOn gaachana Ummata Oromoo ta’uu akkuma dhaadannu fi innis lubbuu isaa bakka bu’aa hin qabne nuuf mennuun mirkaneessaa jiru, Ummati Oromoos, Gaachana WBO ta’uu isaa mirkaneessuu qaba. Ummati akkamiin Gaachana WBO ta’uu danda’a ? jennee yoo of gaafanne, deebii gama hundaa hammatu kennuu dandeenya. Miseensa WBO ta’uu kaasee hanga gargaarsa nam-tokkeetti irraa eegamu taasisuun, gaachanummaa mirkaneessuu ni danda’a. Akka walii galaatti , Mirga humnaan sarbamaa jirruuf, Waraana ofii qabaachuu fi jabeeffachuun filannoo biraa waan hin qabaanneef, akkasumas, WBOn Ummata isaan alatti hirkannoo biraa waan hin qabneef, Gaachanummaa keenya hojiin argisiisuu akka qabnu itti amanuu qabna.
Haaluma wal fakkaatuun, Qabsoo keenyaaf GAACHANA ta’uu keenya mirkaneessuun murteessaadha. Sochii gama hundaa wayita xiinxallu, keessi keenya jabaachaa fi irkoo waliif ta’uun ala, furmaata biraa akka hin qabne, dhalli Oromoo yeroo itti hubatee, waliin dhaabbatee diina isaa irratti qiyyaafatu irra geenyee jirra jedheen abdadha. Kana jechuun, ilaalchi waliif faallaa ta’ee hin jiru jechuu miti. Ni jira. Garuu, yoo xiqqaate, garaagarummaan fedhe jiraatu, dhimma Oromoo irratti waliin dhaabbachuun dhageetti akka nama goonfachiisu hubachuu fi hojiin argisiisuu irra ga’uun, hegaree keenyaaf bu’ura ta’uu hubachuu irra dabarree hojiin argisuu eegalleerra.
Mirga keenya kabachiifachuuf gama hundaan Qabsoo gaggeessuun ala furmaata hin qabnu.Qabsoon gaggeeffamaa jiruu kan Ummata Oromooti. Wareegamni kafalamaa jirus Mirga Abbaa Biyyummaa Ummata Oromoofidha. Kana dhalooti har’aa iyyuu tolchee beeka. Kanas lubbuu isaa kennuun mirkaneessaa jira. Kanaaf Qabsoon ala furmaata biraa hin qabnu ega ta’ee, Qabsoon kun akka jiraatuuf , “GAACHANA” ta’uufiin murteessaadha. Qabsoo kana keessatti qooda fudhachuu kaasee, hanga Deeggarsaa fi gargaarsa Nam-tokketti nu irraa eegamu gumaachuun, ykn Qabsoon keenya waan adda addaan akka hin laafanne, diinni akka hin seenne, akka hin diigamneef, akka hin laafanneef, walii galatti sadarkaa irra jiru irraa duubatti akka hin deebineef, addunyaa irrati qabsoon keenya dhageetti deeggarsa gama hundaan akka utubamuuf, Kabajaa Qabsoo keenyaa fi Ummatichaa ol kaasuuf, Gachanummaa qabsoo keenyaa mirkaneessuun haalaan barbaachisaadha.
nuuf jiradha fdg iddoo mara godhama jiru bayyee namati tola.