DIINA IRRATTI WAL-TUMSUUF,YEROOTU GA’E ! kutaa 2ffaa

DIINA IRRATTI WAL-TUMSUUF, YEROOTU GA’E !!

SEENAA Y.G (2005) kutaa 2ffaa.

Barreessaa dhugaa baasa!Diina irratti wal tumsuuf, waamicha tarrisuun furmaata hin ta’u. Dhaabbileen Siyaasaa Oromoo adeemsa kana keessa jiran dogoggoratti jiruu jedheen yaada. Muxannoon Qabsoo keessa qaxxaamurree jirru, salphaa miti. Aadaa keenyatti amanna yoo ta’es, waan jiru sirreessuuf karaa salphaa qabna Irraa barbaachuun fardiidha. Dhalli Oromoo Addunyaa kana irra jiraatu hundumtuu, keessa isaatti waan of gaafatuu fi waan ta’uu qabu ilaalchisee keessa isaatti bilcheessee mala malachaa jiraachuun ifadha. Tumsa barbaachisuuf gumaacha irraa eegamu taasisuuf qophiidha. Amma gaaffii guddaan Tumsa kana akkamiin Ummachuu dandeenya ? Tumsa akkamii nu barbaachisa ? Tumsaa fi kaayyoo akkamitti araarsina ? Daangaan isaa maalii ? Tumsi nuuti barbaannu fi kan addunyaan itti jirtu wal simaayi ? akka isaanii taana jennee aadaa keenya keessaa ceenee, waan kolfaa hojjachuu wayya ? moo, Makaanizimii Tumsaa Mataa keenyaa addunyaattu qabannee ba’uu dandeenyu uumnee, bu’ura aadaa fi Gadaa gadi dhaabnee, hegaree keenyaaf yaadutu furmaata nu ta’aa ??? jennee of gaafachuu nu barbaachisa. Sadarkaa kana irra ga’uuf wareegama qaalii kafaluu keenya dagachuu hin qabnu. Karaan nu eeggatu kana irra ulfaataa ta’uu waan maluuf, Tumsa Ummachuun amma shamiza of irraa baasanii geeddarachutti fudhachuu dhiifnee, gadi jabeessinee irratti hojjachuutu hegaree isaa mi’eessa.

DIINA IRRATTI WAL-TUMSUUF YEROOTU GA’E !!! kutaa 2ffaa.docx

GAAFFIIN FINFINNEE FI RAAYYAA, WALLOO, DIRREE DAWAA, SODDOO…..TOOKODHA !!!!.docx

1 thought on “DIINA IRRATTI WAL-TUMSUUF,YEROOTU GA’E ! kutaa 2ffaa

  1. SEENAA Y.G5
    yada yeroo adda adda dhiyeessitu yaada murtessaa fii kan ta’uu malan dhimma oromoo
    yaada burqisiistuu ni yaalata raawwii isaa isumaaf dhiisa
    garuu kan anaaf hin galle ani gama koon ABO gaachana oromoo fi furmaata bilisummaa haa ta’u waan
    ummata oromoof bu’ura ta’uu 100%ittin amana.
    garuu gaafffiin siif dhiyeessu ati dhaaba kam deeggarta moo hundumaa keessa bilisa uf goote jirta ??????
    waan hundaaf ummatni keenya hedduun kan itti amanu ABO isa ganama fi isa lammii keenya oromoo kan adunyaa irratti beeksise deeggara.kanaafis cinaa hiriiree yerooma fedhe karaa adda addaa
    fincila wayane irratti gochaa jiraa
    kaayyoo,tokkummaan fi tumsi hundi dibaaboo miidhagaaf bareedaa ABO jalatti dha jaarmiyaalee kan biroo tokko tokko uumamuu isaanii akkuma dhagahameen yerootti badan arina warri kaani
    immoo kaaayyoo kachachalaa qabatan yerootti kufanii salphatan argina
    kanaaf yaadni kee akka yaadaatti ta’ee atis ejjennoo kee isa kam utuu ibsachaa yaadani ka’e gaarii dha
    kanaa’achi oduuma ta’ee hafa
    IUO
    galatoomi
    g3

Leave a reply to g3 Cancel reply