Waxabajjii 03,2014 Ayiraa Gullisoo
Mootummaan Wayyaanee ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti geessitu jabeessuun kan itti fufte Godina Wallaggaa lixaa magaala Guulisoo keessatti barsiisaa BLLTO kan tahe barsiisaa Magarsaa Abdiisaa jedhamu kan dhalootaan Wallaggaa bahaa aanaa Jiddaa kan tahe reebichaa loltoota Wayyaanee irraan kan ka’e wareegame.
Barsiisaa Magarsaa Abdiisaa sabboonummaan dhalatee kan guddate miindaa mootummaa Wayyaanee nyaatnee Uummata Oromoof hojjenna malee bitamna miti jechuun ejjennoo jabaa qabatee ilmaan Oromoo keessumattuu daraggootaa fi barattoota barsiisaa kan ture yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa gaafatamaa dhufeen wal qabatee mana hidhaatti kan ukkaamse yoommuu tahu reebicha addaa irraan gahuun Lubbuu isaa dabarsanii jiran. Uummatni Oromoo maal eegna?? Kana booda Uummatni martuu mirga isaaf ka’uun dirqama akka tahu waamicha jabaa dabarsina. Ajjeechaa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jirus daran balaaleffanna. Qeerroon wareegama barbaachisaa baasee Uummata Oromoo bilisa baasuuf jabaatee kan hojjetu tahuus mirkansa.
Waan jennus waan dubbannuus hin qabnuu,seenaan isa haa……..barreessuun dadhabee, immimmaantuu…
.