Manneen Uumataa fi Nagadaa Magaalaa Gudar Sirnaan Ala Waraana Wayyaaneen Sakata’amaa Jiraachuun Beekame.

Gabaasa Caamsaa 30,2014 Gudar

Qeerroo bilisummaaCaamsaa 27,2014 irraa eegalee mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee  humna poolisaa fi waraanaa heddumina qabu magaalaa Gudartitti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeessaa jira.  Mannenne dhuunfaa fi galmi adda addaa magaalaa Gudar tokko illee utuu hin hafiin sakkatta’insii guddaan irratti gaggeeffamera.

Adeemsi yeroo ammaa Mootummaan Wayyaanee Uummaata Oromoo irratti karaa loltoota isaa gaggeessa jiru, daran suukkaneessaa kana ta’ee fi yakka gara jabinaa uummata Oromoo irraatti Wayyaaneen garboomsaan guyyaa irraa gara guyyaatti jabeessa jira. Yeroo ammaa kanatti mootummaan Wayyaanee loltootaa fi poolisota isaa uummatatti bobbaasuun  magaalaa Gudaar, Amboo fi  Naannoo isheetti guyyaa guyyaa sakkatta’insa halkaan halkan immoo sammichaan uummaanni dararamaa jira. Hallii kun magaalaa Gudarii fi gandoota baadiyyaa aanaa Tokkee Kuttaayyee keessatti haalan jabaatee uummaanni dararaa guddaa keessa seenaa jira. Loltootni Wayyaanee qabeenyaa uummataa saamaa, yakkaa dirqisiisanii gudeeduu uummatarratti rawwachaa, uummata reebaa jiru.

Gama biraan Caamsaa 25/2014 uumni magaalichaa walitti dhufanii maanguddoota filachuun gaaffii bilchiisa naannoof dhiheeffatan keessaa akka waraanni Wayyaanee irraa ka’uu fi sodaan qawween doorsifaman akka dhaabbatu ture,un ta’uu hanqatnaan uumanni wal gahee waraanaa maal nurraa fuudhaa nurraa kaasaa nuti hidhannee hin jirruu jechuun gaaffii bulchiinsa godinaa Lixa Shawaaf dhiyyeessuullee hanga ammaa deebiin kenname kan hin jirree ta’uun gabaafamera.

Waan baay’ee nama gaddisiisuu loltootni fi poolisootni Sirna abbaa irree Wayyaanee ijoollee umriin iraasii waggaa 14 gadii qabee, maatii ijoolleetiin immoo hanga qarshii nuuf fiddanitti hin gadhiifnu jechuun qabeenyaa uummataa fi mirga uuummataa sarbaa jiru. Namoota rakkoon akkasii irra ga’ee keessa tokko Obboo Goobanaa Amansiisaa daldalaa jiraataa magaalaa Gudaar kan ta’ee humnootni waraanaa Wayyaanee liyuu hayilii jedhaman muchaa isaa umrii waggaa 13 qabuun, mana hidhaa galchuun qarshii nuuf kennitu malee hin gadhiifnu jechuun qarshii 4000 kennee mucaa isaa gadhiisifachuu danda’ee jira.

 

Leave a comment