Heddummina,Bakkaa fi Manneen Hidhaa Oromoonni Keessatti Hidhaman Ilaalchisee, Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qeerroo

FDG Ebla 2014 Ka’een Walqabatee Oromoonni 2390 Ta’an Mannneen Hidhaa Adda Addaa Keessatti Dararamaa Jiru. 1700 ol Ammoo Bakka Buuteen Isaanii Hin beekamne. Hidhamuu Jeeffamuu fi Bakka Buuteen Dhabamuu Oromoof Mootummaan Wayyaanee Itti Gaafatamaa Dha!!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 20,2014. Finfinnee

Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran.

Gabateen Armaan Gaditti Argamu FDG Ebla 2014 Oromiyaa Keessatti Qabatee Mirga Abbaa Biyyummaa Gaafachuu Irratti Mootummaa Wayyaaneetiin Hidhamanii Jiran Oromiyaa fi Sadarkaa Federaalaatti  Baayina Namoota Mana Hidhaa Keessatti  Dararrii Guddaa Keessa Jiranii fi Yeroo Ammaa Nuuf Birmadhaa Jedhanii Iyyachaa Jiran.

Oromoonni 2390 ta’an kun manneen hidhaa armaa gadii keessatti haalaan dararamaa jiran fi kanneen 1700 ta’an bakka buuteen wallaalames dabalatee hatattamaan akka gadhiifamanii fi gaaffiin mirgaa Oromootaa deebii gahaa argachuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa gadi jabeessee dhiheessa. Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran. Caamsaa 20 2014

3 thoughts on “Heddummina,Bakkaa fi Manneen Hidhaa Oromoonni Keessatti Hidhaman Ilaalchisee, Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

  1. buusii buusuuf akkamitti haallii mijaa’uu danda’a?.baankii “oromia international”tiin yoo haalli mijaa’ehoo??

Leave a reply to Dine yonis Cancel reply