FDG Ebla 2014 Ka’een Walqabatee Oromoonni 2390 Ta’an Mannneen Hidhaa Adda Addaa Keessatti Dararamaa Jiru. 1700 ol Ammoo Bakka Buuteen Isaanii Hin beekamne. Hidhamuu Jeeffamuu fi Bakka Buuteen Dhabamuu Oromoof Mootummaan Wayyaanee Itti Gaafatamaa Dha!!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 20,2014. Finfinnee
Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran.
Gabateen Armaan Gaditti Argamu FDG Ebla 2014 Oromiyaa Keessatti Qabatee Mirga Abbaa Biyyummaa Gaafachuu Irratti Mootummaa Wayyaaneetiin Hidhamanii Jiran Oromiyaa fi Sadarkaa Federaalaatti Baayina Namoota Mana Hidhaa Keessatti Dararrii Guddaa Keessa Jiranii fi Yeroo Ammaa Nuuf Birmadhaa Jedhanii Iyyachaa Jiran.
Oromoonni 2390 ta’an kun manneen hidhaa armaa gadii keessatti haalaan dararamaa jiran fi kanneen 1700 ta’an bakka buuteen wallaalames dabalatee hatattamaan akka gadhiifamanii fi gaaffiin mirgaa Oromootaa deebii gahaa argachuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa gadi jabeessee dhiheessa. Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran. Caamsaa 20 2014

Keessummaa irbaatahinquubsan yoquubsan galawallaalti
Keessummaa irbaatahinquubsan yoqubsan galahinbektu
nuttidhufanii nurratti waaran
buusii buusuuf akkamitti haallii mijaa’uu danda’a?.baankii “oromia international”tiin yoo haalli mijaa’ehoo??