Ummata Oromoo Irratti Duguuggaa Sanyii Raawwachuun Gaaffii Mirgaa Tasa Hin Dhaabu Jedhu Barattooti Oromoo Adamaa

Caamsaa 16/2014 Adaamaa

Har’a Adaamaa Keessatti Sabboontota Oromoo Waraana Wayyaaneen Ajjeefaman

  1. Milishuu Mallasaa– Bakki Dhaloota isaaa Amboodha,Hojiin isaa Daldalaadha. Akkasuma mucaan kuni waggaa 8 mana hidhaa ture bahe, waggaa sadii mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti waggaa 5n ammoo Qaallittiitti hidhamee bahe.
  2. Bilisummaa Lammii-Bakka dhalooti isaa Aanaa Lumee bakka Ejeree jedhamtuudha.Barataa Rift Vaaliy Yuuniversitii koollejjii barataa Bisines Manajimentiidha. Yeroo darbee kan hidhamee baheedha. Namoota kana suuraa isaanii boruu dhaamna.

Kanneen jedhaman loltoota Wayyaanee kan Fedaraalaan qabamanii erga hidhaa seenaniin booda loltootaan ajjefamuu gabaasi amma Adaamaa irraa dhaqabe addeessa.

Mootumaan Wayyaanee rasaasaan reebee ajjeesuun isa gahuu didnaan magaalaa keessa deemee ilmaan Oromoo akka bineensaa adamsee ajjeesuu irratti argama. Kan nama dhibu guyyaa lama dura Adaamaa keessatti gaaffii mirgaa gaafachuudhaan barattootaa fi hojjetoota garagaraa nama 40 ol hidhuudhaan mana hidhaa keessatti dararamaa turan.

Kanneen keessaa Oromooti olitti maqaan dhahame keessatti argamu.Guyyaa har’aa kana mana hidhaa keessaa baasanii konkolaataan fuudhanii deemuun Oromoota lamaan kana lubbuu galaafatanii akka darban gabaasi Adaamaa  ni addeessa. Guutummaa haala isaanii fi suuraan qabsaawota kanaa gara fuula duraa if ni ta’a.

3 thoughts on “Ummata Oromoo Irratti Duguuggaa Sanyii Raawwachuun Gaaffii Mirgaa Tasa Hin Dhaabu Jedhu Barattooti Oromoo Adamaa

  1. Harkaan wal qabanna, hanga bilisummaan oromoo dhufutti. Nuti barattoonni yuuniversiitiis cina keessan dhaabbanna. Akka yuuniversiitii Haramayaattis ta’e erga mana maatii keenyaatti gallees uummataaf hawaasa keessatti dhalanne waliin mootummaa abbaa hirree fonqolchuuf qophiidha. JABAADHAA nu jabeessaa! Nu jajjabeessaa!

  2. Pingback: Ummata Oromoo Irratti Duguuggaa Sanyii Raawwachuun Gaaffii Mirgaa Tasa Hin Dhaabu Jedhu Barattooti Oromoo Adamaa | Oromos.com

  3. Pingback: Ummata Oromoo Irratti Duguuggaa Sanyii Raawwachuun Gaaffii Mirgaa Tasa Hin Dhaabu Jedhu Barattooti Oromoo Adamaa « Australian Oromo Community Association Incorporated

Leave a reply to Wabii Teessoo Cancel reply